Af-yaa’iin Paarlaamaa Iraan tooftaan US “Dippilomaasii Tiyaatiraa” jechuun himatan.

OFM:Hagayya.08/2026.Marii biyyattii keessatti gahee ol’aanaa kan taphatan Af-yaa’iin Paarlaamaa Iraan Mohammad Bagher Qalibaf, mala dippilomaasii Ameerikaan “tiyaatira” jechuun cimsanii balaaleffataniiru.

Qalibaf ibsa akkaawuntii miidiyaa hawaasaa isaanii dhuunfaa (X) irratti kennaniin, Waashingitan yeroo baay’ee doorsisa tarkaanfii waraanaa cimaa fi waamicha marii jidduutti wal-jijjiiruu isii qeeqanii jiru.

Akkasumas tooftaa dhiibbaa Ameerikaan qabdu Tehiraan gaaffii Waashingitan akka fudhattu dirqisiisuu hin dandeenne jechuun falmaniiru.

Akka afyaa’aan kun jedhanitti, Iraan mariin kamiyyuu osoo hin jalqabin dura Ameerikaan waadaa kanaan dura galte kabajuu fi waliigaltee gara fuula duraatiif wabii kennuu akka qabdu cimsitee dubbatti.

Ibsi kun kan ba’e yeroo dhiyoo asitti hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii fooyya’iinsi mul’atus, Waashingitanii fi Tehiraan jidduutti garaagarummaan jiru guddataa dhufuu agarsiisa.

Iraanis dhiibbaan waraanaa marii qabatamaa fi dhugaa bakka bu’aa akka hin taane cimsitee akeekkachiisuu irratti argamti.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *