Rogeessi Miidiyaa fi namni Qabsoo Oromoo keessatti” qooda bahataa turan,Ahmad Gishee
du’aan Addunyaa tanarraa lubbuun darban.
Bara sirna bulchiinsa mootummaa Wayyaanee sanitti qabsoo uummata oromoo keessatti shoora ol’aanaa taphataa turan Rogeessi Miidiyaa fi qabsaa’aan Oromoo Ahmad Gishee du’aan Addunyaa tanarraa lubbuun darbaniiru.
Ahmad Bara qabsoo sanitti sochii(qabsoo)
uummata Oromoo finiinsuu fi tarkaanfachiisuu keessatti nama qooda leencaa bahataa nama turaniidha.
Obbo Ahimad Gishee Godina Arsii Lixaa, Aanaa Waabeetti kan dhalatan yoo ta’u, barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa achuma Aanaa Waabee mana barumsaa Waabeetti akkasumas, barnoota isaani sadarkaa lammaffaa Dodolaatti baratan.
Barnootaanis nama cimaa kan turan Obbo Ahimad Gishee, digirii jalaqabaa isaanii Yuunivarsitii Finfinneetti xummuruun, carraa barnoota biyya alaatiin Awurooppaa biyya Neezerlaandi Yuunivarsitii ‘Erasmus University Rotterdam’tti barnoota isaanii digirii lammeessoo xummurani.
Yeroo mormii fi jijjiirama siyaasa Itiyoophiyaa keessatti miidiyaalee irratti yaada isaanii ifatti dhiheessuunis ka beekaman Obbo Ahimad, haala yeroo irratti xinxalaafi qeeqa isaanii ifatti dubbataas turaniiru.
Turtii yeroo dheeraa Biyya ambaatii booda, jijjiiramni siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti erga taasifameen booda gara Biyya abbaa isaaniitti deebi’an.
Gara biyyaatti deebi’uunis sadarkaa hoggansa mootummaa iddoo adda addaatti ramadamanii tajaajilaa turan.
Baatiwwan 17 oliif dhukkubsachuun Hospitaala Kooriyaa Finfinneetti argamutti yaalamaa kan turan Obbo Ahmad Gishee dhibee isaaniirra bubbuleen bayyanachuu dadhabuun Jimaata har’aa(Onkoloolessa.23/2026) du’aan addunyaa tanarraa godaananiiru.
Reeffi Finfinnee (Hospitaala Kooriyaa) irraa boru ganama sa’atii 12:00 tti bahuun iddoo dhaloota isaanii kan taye Aanaa Kofalee, Magaalaa Waabeetti geeffamuun Sirni Awwaalcha isaaniis kan raawwatamu tahuu ‘OFM’odeeffateera.
Lubbuun darbuu Obbo Ahmad Gishee ‘OFM’ gadda itti dhagahame ibsuun, Obbo Ahmad Gisheetiif Rabbiin Jannataan haa qananiisu jedhaa, maatii,firoottan akkasuma jaallan isaanii fi dinqisiifattoota isaanii maraaf jajjabina hawwina.
