Netaaniyaahuun paartileen Arabaa filannoo Israa’el hatan jechuun himate.

OFM:Onkoloolessa.29/2026.Likud paartiin Ministira Muummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu, paartilee Arabaa biyyattii karaa gubboo, doorsisaa, hokkaraa fi filattoota waliin dha’uutiin filannoo hataniiru jechuun himate.

Ibsa baaseen Likud paartiin akka jedhetti, ragaalee dhibbaan lakkaa’aman poolisii fi, ejensii nageenna biyya keessaa Israa’el, Shiin Bet’f, akkasumas aanga’oota filannoof dhiyeesseera.

“Filannoon biyya Israa’el (kessatti gaggeeffame) paartilee Arabaa kan shororkeessummaa fi biyya Yihudootaa dhabamsiisuu deeggaruun hatameera,” jedhe Netaaniyaahuun.

Itti dabaluun, paartiin Arabaa kun filattoota baafachuuf doorsisa, gubboo, hokkaraa, dokumantiiwwan sobaa fi sagantaawwan dhoorgaman gargaarameera jechuun himate Netaaniyaahuun.

Haata’u malee, himannaawwan kunneen Likud paartiirraa kan dhiyaatan yoo ta’an, aanga’oota dhimmi ilaallatu ammatti osoo hin mirkanaa’iin jiru.

Israa’el keessatti filannoon gaggeeffamee booda sagaleen lakkaa’amaa jira. Haata’u malee, morkattoonni ciccimoo lamaan mootummaa hundeessu jedhamanii eegaman teessummaa caalmaa paarlaamaa ijaaruuf isaan dandeeessisu hin arganne.

Filannoo Israa’el miilanaa kanarratti, ummanni bahee filate %77 ol ta’uun seenaa keessatti isa guddaadha jedhameera, haata’u malee filannoon kun akkuma eegame danqaa siyaasaa uumeera.

Bu’aan duraa akka akeekutti, paartileen Arabaan durfamu teessuu paarlaamaa 19 kan mo’ate yoo ta’u, kun ammoo garee lamaan jajjaboo wal morkatan sagalee gahaa argatanii mootummaa hundeessuu keessatti gahee murteessaa akka qabaatu isa taasisa.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *