Rippaablikaanonni ‘Tiraampitu nu nyaachise’ jedhan.

OFM:Sadaasa.04/2026.Miseensonni Rippaablikaanii injifatamuu paartii isaanii “mufannaan” Tiraampitu nu galaafate jedhaa jiru.

“Isatu itti gaafatama. Nama biraa kamillee miti, Kuni guutummatti Tiraamp fudhatama dhabsiisuu natti agarsiisa,” jedhe dhaadhessaan Rippaablikaaniin Biil Milar.

“Kun waan balaafamaa hamaa takkaa mul’atee hin beeyne. Kun akka ta’uuf jiru namuu hin tilmaamne,” jedhe.

Paartii Rippabiliikaanotaa keessatti, rifaatuun bu’aa filannoo erga uumame booda gara mufannaa Pireezidaantii US irratti dhaleera.

Erga Demokiraatonni kutaalee bulchiinsaa durii Rippaablikaanonni ol’aantummaa keessatti qaban kanneen akka Teeksas, Kaansas fi Saawuz Kaarolaayinaatti injifatanii, Rippabiliikaanotni tokko tokko mufii isaanii Tiraamp irratti xiyyeeffatan.

Xiyyeeffannoon inni maqaa dhuunfaa isaatiif kennee fi dhimmoota dirqama uummataa ta’aniif dantaa dhabuun isaa; paartichi teessoo Kongirasii keessatti ol’aantummaa akka dhabu taasiseera jedhanii falmu.

Gorsaan tarsiimoo Rippabiliikaanotaa Minesootaa keessaa Gregg Peppin, “Kun dogongora tokko irratti dogongora biraa dabaluudha, uummanni kutaa bulchiinsaa mara keessatti, imaammata pireezidaantichaa hin jaallanne,” jedhe.

Michuun Traampi kan Waayit Hawuus tokkos akka jedhetti, erga waraana Iraanii as kaffaltii taarifaa fi tarkaanfii hamaa bulchiinsichi godaantota irratti fudhateen booda, “mufiin uuumataa ” uumame “baay’ee ol’aanaa” dha jedheera.

Bifuma walfakkaatuun Pireezidaantiin Itti aanaa Yunaayitid Isteet JD Vaans filannoo walakkeessa US paartiin isaanii Rippablikaaniin dhaaba Dimokiraatotaan sababni mo’ameef, waraana Iraan akka ta’e barreeffama X gubbaa maxxansaniin ibsan.

”Sababa waraanaaf mo’amne,” jedhan.

Itti dabaluunis, ”Namuu sababa mo’amneef beeka” jedhan.

Pireezidaantiin US Donaald Tiraampiis sababa paartiin isaanii filannoo mo’ameef yeroo ibsan waraanni Iraan tokko akka ta’e ibsaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *