Maask “Wantin ani akka filannoo injifataniif raawwadhe hin milkoofne” jedhe.
OFM:Sadaasa.04/2026.Tujjaarri addunyaa kanaa Ilan Maask kaadhimamtoota paartii Rippaabilikaanotaa tumsuuf Doolara Ameerikaa miiliyoona 455 baasuu dhaabbanni Oppin Sekiriit jedhamu gabaasera.
Maask kutaa bulchiinsa Teeksaasitti kaadhimamaan paartii Ripaabilikaanii Keen Paaksitan akka filannoo walakeessaa Ameerikaa kana injifatuuf Doolara miiliyoona 200 gumaache.
Paaksitan garuu kaadhimamaa paartii Dimokiraatootaa Jeems Talaarikooniin inijifatame.
Maask iddoo jireennasaa fi hojiiwwan bizinasii isaas gara Teksaasitti waggoota muraasa dura jijjiiree ture.
Jeems Talaarikoon filannoo injifachuusaa mirkaneeffannaan akkas jedhee dubbate: “Biliyeenarootaa fi Tiliyeenarri maallaqa guddaan warra Rippaabilikaanii qarqaartan, akkasuma warri malaammaltoonni sirna siyaasaa biyya kana keessatti hojiin ala ta’e kana deeggartan wanti beeku qabdan; aangoon kan ummataati’’ jedhan.
Maask ‘X’ gubbaatti gara boodaatti akkas jedhe, “Filannoo kiyya tilmaami; wantin ani akka filannoo injifataniif raawwadhe hin milkoofne”.
