Jeettiin pireezidaantii Gaanaa dolaara mil. 60’n bitame, mufii kaase.

OFM:Sadaasa.18/2026.Jeettiin pireezidaantii mootummaan Gaanaa dolaara miiliyoona 60’n bitate ummata mufachiise.

Mootummaan baasii guddaadhaan jeettii pireezidaantii kana kan bite wayita ummanni baay’een qaala’insa jireennaan qormaata keessa jiruttiidha.

Jeettiin Faransaay hojjette ‘Falcon 6X’ jedhamu dolaarri miliyoona 60’n itti bahe kun atakaroo siyaasaa kan uume yoo ta’u, namoonni siyaasaa mormitoota ta’anis “waan dursi kennamuufiif qabuuf dursa kennuu dhiisuun” bulchiinsa Pireezidaant Mahaamaan qeeqaniiru.

Haata’u malee, mootummaan diinagdeen biyyattii guddataa jiru fooyya’insa agarsiisaa waan dhufeef, gatii jeettii kanaas madaalawaa waan ta’eef, akkasumas jeettii pireezidaantii dulloomee jiru bakka buusuun barbaachisaa waan ta’eef bittaan kun sababa quubsaan kan raawwatame ta’uu ibseera.

Atakaroon kun kan dhalate bulchiinsi Mahaamaat wayita Gaanaan gaaga’mni diinagdee akka dhaabbata maallaqaa idil-addunyaa qarqaarsa akka gaafattu isii dirqisuu fi rakkoon diinagdee isii muudate akka dandamatu gochuuf yaaluu qabdutti.

Humni qilleensaa Gaanaa, xiyyaara dolaarri miiliyoona 60 baasii itti ta’ee Kaampaanii faransaay Airbus kan ta’e Daasolt Aveeshinirraa Wiixata ture kan fudhate.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *