US doonii waraanaa xiyyaara baattu sadaffaa gara Baha Jiddu Galeessaatti ergite.

OFM:Sadaasa.17/2026.Ameerikaan doonii waraanaa xiyyaara baattu sadaffaa gara Baha Jiddu Galeessaatti ergiteerti.

Qondaalli waraana Ameerikaa tokko CBS’f akka mirkaneessanitti, amma dooniin fe’umsa xiyyaarota waraanaa ”USS Theodore Roosevelt’ jedhamtu Baha Jiddu Galeessaa dhaqqabdeerti.

Kanaaf, naannicha keessa gareewwan doonii waraanaa xiyyaara baatan Ameerikaa sadiitu argamu.

Dooniin kun dooniiwwan kana dura achi turan USS George Washington fi USS George W. Bush naannicha keessa socho’aa jiranitti makamtee jirti.

Sochiin waraanaa kun yerootti muddamni Ameerikaa fi Iraan jidduu jiru itti fufee jiruu fi Pireezidaanti Donald Tiraamp immoo haleellaa waraanaa bal’aa Iraan irratti deebisanii jalqabuu ilaalchisee mariin taasifamaa jirutti raawwatame.

Kunis yeroo Tiraamp marii dipilomaasiif gara Chaayinaatti imaluun Pireezidaantota Chaayinaa Shi Jinpingi fi Raashiyaa Viladimir Putin waliin mari’achuuf jiranitti.

Dhimma Iraan irratti mari’achuunis ajandaa isaanii keessaa tokko ta’uu hin oolu jedhamuun eegama.

Dooniiwwan waraanaa sadan kun yeroo hagamiif naannicha keessa akka turan hin beekamu.

Qondaaltonni Ameerikaa, yoo barbaachise sadan isaanii naannicha keessa turuu akka danda’an ibsaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *