Strait of Hormuz keessatti waldhibdeen gara haala hammaataatti deemaa jira.
OFM:Sadaasa.17/2026.Iraan dooniiwwan lama dhootuu galaanaatiin rukutamuun ibidda qabsiisan jette.
Eegduu Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) akka jedhetti dooniiwwan gurguddoon lama dhootuu(fanjii) galaanaatiin rukutamuun daandii boba’aa addunyaa irratti barbaachisaa ta’e Strait of Hormuz keessatti ibidda qabsiisan.
Taatee kanaan waldhabdeen waraanaa naannicha keessatti uumame sadarkaa balaatti ol guddiseera.
Humnoonni Iraan akka jedhanitti, dooniiwwan kunneen keessaa tokko boba’aa jikitaa gara barmeela miiliyoona 2 kan fe’atte yoo ta’u, inni kaan ammoo gaazii uumamaa dhangala’aa ta’e kan fe’e ture.
Iraan dooniiwwan kunneen “karaa hayyama hin qabne” strait keessa deemaa akka turan ibsiteetti.
Haa ta’u malee, himannaan Iraan of danda’ee kan hin mirkanoofne yoo ta’u, sababni sirrii ibidda kanaa ammallee qoratamaa jira.
Taatee kun kan muudate kun kan dhagayame yeroo Ameerikaan naannoo sanatti humna waraanaa isii saffisaan ijaaraa jirtutti.
Dooniin xiyyaara fe’umsaa guddaan USS Theodore Roosevelt jedhamtu dooniiwwan xiyyaara fe’umsaa biroo lama ajaja Jiddugaleessa Ameerikaa (CENTCOM) jalatti socho’anitti makamteetti.
Dhiibbaan Iraan naannoo Strait of Hormuz dabalaa dhufuu fi Waashingitan humna galaanaa dabalataa naannoo sanatti bobbaasuun isii balaa waldhabdee waraanaa bal’aa naannichatti uumamuu danda’u haalaan dabalaa deemuu isaatiif akeektuudha.
