Minisootaa keessatti Konkolaachisaa Mohammed Yusuf jedhamu irratti yaaliin ajjeechaa taasifame.
OFM:Sadaasa.15/2026.Ameerikaa Minisootaa keessatti Konkolaachisaa Uber kan ta’e Mohammed Yusuf jedhamurratti yaaliin ajjeechaa taasifamuu maddeen gabaasaniiru.
Minisootaatti Hojii Konkolaachisummaarratti kan bobba’ee jiraatu Namni lammii Ameerikaa ta’eefi hiddi dhalootasaa Somaaliyaa ta’e Mohammed Yusuf nama konkolaataa isaa keessa seeneen haleellaa yaalii ajjeechaa irra gahuun gabaafame.
Akka Ragaan Abbootii Alangaa irraa dhihaate agarsiisutti namni ganna 25 Samit Patel jedhamu, konkolaachisaa Uber, Mohammed Yusuf maqaa isaa eega gaafatee booda yakkamaan kuni’ maqaa Mohammed jedhamu akka hin jaalanne itti dubbachuun duuba goree morma Mohammed hudhuun yaalii ajjeechaa taasiseera.
Akkasuma Yeroo haleellaan yaalii ajjeechaa kuni raawwatamu, obboleessi Mohammed bilbilaan isa waliin haasawaa turuu fi Mohammed sagalee guddaadhaan Afaan Somaaliffaatin, “na hudhaa jira!” jedhee iyyuu isaa akka dhagahes ibsameera.
San booda namni yakka dalage kuni konkolaatuma miidhamaa Mohammed kana; fuudhee irra oofuun miidhaa hamaa irraan gahe.
Wayita ammaa kana, Mohammed Yusuf miidhaa qaamaa hedduu cimaan irra gahuunis ibsameera.
Lafee cinaachaa fi miilli isaa cabuu akkasuma Duydi isaa miidhamee, sombi isaa irraa gadi- bu’ee dhiigni hedduun qaama isaa keessa waan yaa’eef, Sababa miidhaa kanaatiin ogeeyyiin fayyaa qaamota isaa keessaa garii muraasa baasuuf dirqamanii jiru.
Abbootiin Alangaa haalli fayyaa isaa hedduu yaaddessaa akka tahe ibsaniiru.
Namni haleellaa kana raawwate Samit Patel, himanni yaalii ajjeechaa fi konkolaataa humnaan fudhachuu irratti banamee, wabii doolaara miiliyoona tokkoon mana hidhaa keessa jira.
Fayyadamtoonni miidiyaa Hawaasaa Haleellaan nama qulqulluu irratti, eennummaa namaa, maqaa namaa, sanyii ykn amantii isaatiin raawwatamu kamiyyuu fudhatama hin qabu jechuun balaaleffachuurratti argamu.
