Baahireen haleellaan Iraan dhaabbata industirii irratti ibidda qabsiise jette.

OFM:Sadaasa.21/2026.Baahireen haleellaan Iraan dhaabbata industirii siiviilii rukute jetteetti, kunis yeroo dhiyootti waraana Baha Jiddu Galeessaa keessatti hammaate.

Ittisni qilleensaa Baahireen Sambata akka jedhetti ittisi qilleensaa isaanii haleellaa xiyyaaraa Iraan hedduu addaan kuteera.

Ministeerri Biyya Keessaa Baahireen ibsa tiwiitara irratti baaseen haleellaan kun qaama “haleellaa Iraan” ta’uu ibseera.

Gabaasni jalqabaa akka agarsiisutti miidhaa meeshaalee irra gahe, garuu miidhaan qaamaa akka hin jirree fi gareewwan ittisa siiviilii ibidda kana to’achuuf hojjetaa akka jiran dubbateera.

Ministeerri Biyya Keessaa maqaa dhaabbatichaas hin ibsine, eessa akka jirus hin ibsine.

Saayireniin haleellaa qilleensaa kanaan dura Baahireen keessatti kan dhaga’ame yoo ta’u, ministeerichi jiraattonni balaa kana osoo hin ibsin, gara bakka nageenna qabu dhiyootti akka ce’an gaafateera.

Haleellaa kana booda ibsa kenneen, Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) duula misaa’elaa fi diroonii walitti makamee iddoowwan waraana Ameerikaa qubsuma Al-Rifaa fi Awali Baahireen keessatti argaman irratti xiyyeeffachuun raawwachuu isaa ibse.

IRGCn raadara ittisa qilleensaa US Paatriyaat lama buufataalee kanarra jiran barbadeessuu isaa ibseera.

Haleellaan kun “weeraraa fi sarbama qilleensaa Rippabiliika Islaamaa Iraan itti fufee jiruuf deebii kennuudhaan” jedha ibsichi.

“Dirooniin sakatta’iinsaa fi lolaa Ameerikaa MQ-1 fi MQ-9 lama naannoo qilleensaa Iraan erga cabsanii booda, iddoowwan waraanaa Ameerikaa iddoowwan waraanaa armaan olitti ibsaman irratti argaman hojii humna qilleensaa IRGCtiin xiyyeeffataman,” jechuun dabalee ibseera.

Kanaan dura dhaabbati oduu Fars walakkaa ofiisaa Iraan akka gabaasetti, IRGC buufata waraanaa loltoonni Ameerikaa Sheek Isaa fi Juffair keessatti itti fayyadaman lama haleelee ture.

Haa ta’u malee, dhaabbatni oduu mootummaa Iraan IRNA akka gabaasetti, misaa’elli interceptor buufata doonii US Fifth Fleet Bahrain jiru irraa dhukaafame odola Sitra irratti bu’ee dhukaasa baneera.

Dhaabbanni Oduu Baahireen akka gabaasetti sirni ittisa qilleensaa Paatriyaat irra deddeebiin hojii dhabee ture.

Baahireen buufata doonii shanaffaa Ameerikaa keessummeessiti. Erga waraanni kun jalqabee irra deddeebiin haleelamaa kan ture yoo ta’u, torban muraasa darban keessa tasgabbiin erga turee booda guyyoota muraasa darban keessatti haleellaa diroonii sadii dabalatee.

Erga Ameerikaa fi Israa’el Gurraandhala 28 haleellaa qilleensaa Iraan irratti bananii as biyyoonni Arabaa Galoo Galaanaa irra deddeebiin mormii Teehiraan irraa muudataa turan.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *