US’n muddamni Naannawa Daangaa Itiyoophiyaatti hammaachuu hordofee akeekkachiisa imalaa kennite.

OFM:Sadaasa.20/2026.Ameerikaan, gabaasa Itiyoophiyaa fi Eertiraan naannawa daangaa isaanii irratti humnoota waraanaa qubachiisu hordofee, lammiileen isii gara kaaba Itiyoophiyaatti hin imalle akeekkachiifte.

Imbaasii Ameerikaa Itiyoophiyaa jiru, ibsa baaseen, walitti bu’iinsi naannoo baadiyyaa Tigraay, keessumaa naannawa daangaa Ertiraa bira jiru itti fufuu eeruun, lammiileen Ameerikaa gara naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaar imala akka hin taasifne akeekkachiiseera.

Keessumaa gara naannawa kaaba Affaar akka hin imallee jedhe.

Itti dabaluunis haalli nageennaa naanawa kanaa yeroo kamuu jijjiramuu danda’aa jedhe Imbaasichi

Lammiileen Ameerikaa naannolee kanneen keessa jiran, haalli nageenna isaanii osoo hin miidhiin achii bahuu danda’u yoo ta’e, achii akka bahanis gorseera.

Gabaasaaleen tibbana Rooyitarsii fi AFP ba’an, akka mul’isanitti humnoonni waraanaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa daangaa biyyoota lamaanii fageenna wal haleeluu danda’an irratti akka argaman gabaasanii turan.

Haleellaan meeshaalee waraanaa ulfaataa fi daangaa ce’anii seenuun walitti bu’iinsa biyyoota lamaan jidduu jiru hammeessuu akka danda’u gabaasaaleen kun kan mul’isan.

Haa ta’uu malee hanga ammaatti dhimma kana ilaalchisee Itiyoophiyaa fi Ertiraa irraa wanti jedhame hin jiru.

Akeekkachiisni Imbaasii Ameerikaa kun yeroo walitti bu’iinsi daangaa biyyoota lamaan jidduutti uumamuu danda’a jedhamee sodaan dabalaa jirutti kan ba’e yoo ta’u, lammiileen Ameerikaa naannolee balaa nageennaa keessa jiran irraa akka fagaatan gorseera.

Lammiileen gara naannolee kanneenitti imaluuf yoo karoorfatanis murtee isaanii “irra deebi’anii akka ilaalan” akeekkachiise.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *