Leenjistoota qacaruu fi hojiirraa ari’uuf Maanchister Yuunaayitid paawondii miiliyoona 100 ol baaseera.

OFM:Sadaasa.21/2026.Maanchister Yuunaayitid Moorishiyoo Poochetiinoo leenjisaa isaa godhee qacaruu erga ibseen guyyaa sadii booda liqaa paawondii miiliyoona 10 fudhate.

Yuunaayitid leenjisaa garee biyyaalessaa Ameerikaa kan ture Poochetiinoo qacaruuf beenyaa paawondii miiliyoona 7.5 kaffaluu qaba ture.

Kontiraata waggaa lamaa fi walakkaan Poochetiinoon gaafa Sadaasa 13 leenjisaa Yuunaayitid tahuuf waliigale.

Sadaasa 16 ammoo liqaa paawondii miiliyoona 10 fudhatan. Liqaan kun erga gabaasni kurmaana jalqabaa Fulbaana 30 gabaafameen as yeroo sadaffaa tahuu isaati.

Hamma liqeeffachuu danda’an paawondii miiliyoona 240 gahaniiru. Kunis marsaa marsaan kan liqeeffachuu danda’aniidha.

Erga Siir Aleeksi Fergusan bara 2013 soorama bahuu ibsanii as leenjisaa qacaruu fi ari’uuf beenyaa isaan kaffalan waliigalaan paawondii miiliyoona 95 gaheera.

Garuu kafaltii beenyaa Maayikil Kaarikiif kaffalamuu fi hojjettoota Poochetiinoo waliin dhufan qacaruuf kaffaltiin yeroo raawwatu waliigalaan gara Paawondii miiliyoona 100 darba.

Kaarik yeroo gabaabaaf erga qacaramee qabxii gaarii waan argamsiiseef kontiraanni waggaa lamaa isaaf kennamee ture.

Jalqabbiin bara kanaa garuu gaarii waan hin taaneef kilebichi hojii irraa gaggeessuuf murteesse.

Waggaa 40 keessatti Yuunaayitid qabxii akka kanaa yeroo kanatti galmeessee hin beeku.

Kana jechuun waggaa 40 kana erga Fergusan kilebicha leenjisuu jalqabanii as Maan Yuunaayitid rikardii akka kanaa takkaa hin galmeessine.

Erga soorama bahuu Fergusanii as dhaabbiidhaan Poochetiinoon leenjisaa salgaffaa qacarameedha.

Bara dorgommii sadan darban walitti aansuun erga dorgommiin jalqabee jidduutti yeroo sadii leenjisaa jijjiiraniiru.

Taphattoota mallatteesisanii idaan hin kaffalamiin irra jirus paawwondii miiliyoona 417 yoo tahu isa keessaa miiliyoona 181 kan tahu waggaa tokko booda kaffalamuu qaba.

Dilbata boruu Maan Yuunaayitid Aanfiildi irratti Liiverpuul waliin morkata.

Kilebichi ji’a Amajjii kanattis sarara ittisaa fi sarara duraa isaa jabeessuu akka barbaadu himameera. Garuu baasiin kilebichaa guddachuun ammas yaaddoo biraati.

Odeessa biraan Arsenaal dirree isaan ala Niwkaasil morkata. Maanchestar Siitii erga taphoota sadii walitti aansee mo’ameen as Fuulhaam keessummeessa. Cheelsiin bara kana gahumsa gaarii irra kan jiru Liidsi Yuunaayitid waliin morkii jabaa taasisa.

Roobertoo Di Zerbii jalatti jalqaba injifannoos tahe galchii kan dhabe Tootenhaam fooyya’insa agarsiisaa jira.

Ipsiwiich waliin morkata. Biraayitan kileba bara kana osoo hin eegamiin cimina guddaa agarsiisaa jiruudha.

Leenjisaa dargaggeessa Faabiyaan Huuziler jedhamuun kan durfamu kilebichi galchii hedduu lakkoofsisuun bara kana gahumsa ol’aanaa agarsiisaa jira.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *