Tiraamp Chaayinaa irratti taarifa gara dhibbeentaa 245tti ol guddisan.
OFM:Muddee.16/2025-Ameerikaan taarifa Chaayinaa irraa gara dhibbeentaa 245tti ol guddifteetti.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ameerikaan taarifa Chaayinaa irraa gara dhibbeentaa 245tti ol guddifachuu isii beeysisuu isaanii Indiyaa Deeliin gabaaseera.
Akkuma Pireezidaanti Tiraamp har’a Waayit Haawusitti ibsan; Dabalata kanaa kan godhan Chaayinaan oomishaalee Ameerikaa gara biyyattiitti galfaman irratti dhiheenna kana haaloo ba’uu isii duubatti deebisuuf jedhan.
Tarkaanfiin kun qaama karoora Ameerikaan cimtee itti fufsiisuuf fudhatame keessaa tokko ta’uu Tiraamp dubbataniiru.
Biyyoonni 75 taaksii irratti marii gaggeessuu akka danda’an eeraniiru; Garuu daballiin kun kan godhame Chaayinaan taarifa dabaluudhaan deebii waan kenniteef jedhan.