Tiraampi dhootuuwwan hedduun Hulaa Hormuuz keessaa qulqulleeffamuu ibse.

OFM:Hagayya.26/2026.Pireezidaantiin US Doonaald Tiraampi Humni Galaanaa Ameerikaa meeshaalee waraanaa balaafamoo Hulaa Hormuuz keessaa qulqulleessuu ibse.

Iraan erga waraanni Baha Jiddugaleessaa eegalee ulaa addunyaaf akkaan murteessaa ta’e kana cuftee jirti.

”Dooniin ykn bidiruun dhootuu hulaa kana keessa awwaaluuf yaalu yoo jiraate hatattamaan barbadeeffama,” jechuun miidiyaa hawaasummaasaarratti ibsan Tiraampi.

Iraan dhimma kanarratti hanga yoonaa yaada hin kennine.

Tiraampi yeroo inni Hulaan Hormuuz to’annaasaa jala jiraachuu hin ibsine hin jiru, garuu Iraan ammoo dooniiwwan eeyyama ishee malee hulaa kana keessa darban irratti haleellaa raawwataa turte.

Iraan hulaa boba’aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 20 dabarsu kana cufuun alatti biyyoota Arabaa michuuwwan US akkasumas wiirtuuwwan waraanaa US Baha Jiddugaleessaa keessaa qabdurrattis haleellaa raawwataa jirti.

Waliigalteen wal hubannoo waraana kana dhaaba jedhamee abdatamee ture osoo bu’aa hin buusin yeroonsaa obba’eera.

Amma biyyoonni lameen US fi Iraan darbanii darbanii haleellaa walirratti raawwataa jiru.

Dabalataan Ameerikaan dhiibbaa diinagdees Iraan irratti gaggeessuu eegalteetti.

Ministirri Maallaqaa US Iskot Besent qoqqobbii diinagdee cimaa seenaa keessatti muudatee hin beeyne Iraan irratti labseera.

Iraan gamasheen qoqqobbii kamuu qolachuuf dandeettii fi karoora akka qabdu ibsiteetti.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *