US Bara 2016 fi 2026 jidduutti Viizaan 200,000 kenname haqamuufi!

OFM:Hagayya.26/2026.Bulchiinsi Tiraampi karoora viizaa 200,000 bara 2016 hanga 2026 jidduutti kenname haquuf qabu xummureera.

Viizaa lammiilee biyya alaa hanga kuma 200 ta’anii fi viizaa daldalaa fi tuuristiin Ameerikaa seenanii koolu galtummaa gaafatan ykn iyyataa jiran haquuf qophaa’eera.

Kunis adda durummaan namoota viizaa daldalaa fi tuuristiin Ameerikaa seenanii viizaa isaanii gara koolugaltummaatti jijjiiran ykn koolu galtummaa iyyataa jiran ilaallata.

Bulchiinsi Tiraampi lammiilee biyya alaa kuma 200tti siqan kanneen Ameerikaatti koolugaltummaa gaafatan ykn iyyataa jiran viizaa daldalaa fi turistii haquuf qophaa’aa akka jiru The Associated Press sanadoota Ministeera Dhimma Alaa fi qondaaltota lama waabeeffachuun gabaaseera.

Waayit Haawus gabaasa dhaabbata oduu kanaa fuula miidiyaa hawaasaa ofiisaa irratti qoodeera.

Yoo hojiirra oole tarkaanfiin kun seenaa U.S. keessatti viizaa haquu isa guddaa ta’a.

Akka gabaasa kanaatti; Murteen kun yoo mormiin ykn fooyya’e malee, Ministeerri Dhimma Alaa viizaa B1 fi B2 bara 2016 fi 2026 jidduutti kenname kan iyyanni koolugaltummaa barbaadamaa ture ykn barbaadamaa jiru akka haqu torban dhufan keessatti ni beeysisa jedhamee eegama.

Tarkaanfiin kun qindoomina Ministeera Nageenna Biyya keessaa waliin ta’uun kan fudhatamu ta’a.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Toomii Piigoot tarkaanfiin kun namoota daawwannaa yeroo gabaabaaf dhufanii fi viizaa isaaniitti fayyadamanii jiraattota dhaabbataa ta’an to’achuuf kan yaadame ta’uu ibsaniiru.

Qondaaltonni akka jedhanitti Viizaan haqamuun kun namoonni hatattamaan biyyaa akka bahan kan dirqisiisu ta’uu baatus, mirga imala seera qabeessa ta’e isaan dhoorga.

Namoonni iyyanni koolugaltummaa isaanii hin xummuramne irra caalaan isaanii viizaan isaanii ni ilaalama.

Kunis qormaata seeraa fi mormiin guddaan ni muudata jedhamee eegama.

Walumaagalatti murteen kun viizaan daawwannaa yeroo gabaabaaf kenname mana jireennaa dhaabbataatiif oolu akka hin dandeenne ergaa cimaa akka dabarsu himama.

Itti aanaan ministeera haajaa alaa U.S. Christopher Landau Isniina kaleessaa miidiyaa hawaasaa irratti maxxansa isaanii irratti namoota viizaa daawwattootaa fi daldalaatiin Ameerikaa seenanii booda koolugaltummaa gaafachuuf yaalan qeeqaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *