Israa’elii fi Libaanos jaarsummaa Yunaayitid Isteetiin waliigaltee waliif mallatteessan.
OFM:Waxabajjii.27/2026.Manguddummaa Ameerikaatiin guyyoota hedduuf Waashingiten keessatti marii gaggeessaa kan turan Israa’elii fi Libaanos waliigaltee waliif mallatteessaniiru.
Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo akka ibsetti, karaa waliigaltee amma mallatteeffame Kanaan nagaafi tasgabbii waaraa buusuuf dhimmoonni dandeessisan qophaa’uu jalqabu.
Biyyoonni lamaan waliigaltee mallatteessuun kan dhaga’ame, humnoota Israa’elii fi kan Iraaniin deeggaramu Hezboollaa jidduutti dhukaasa dhaabuu hojiirra jiru dhiisanii Kibba Libaanos keessatti hanga tokko waraana walirratti gaggeessuun yeroo itti fufee jiruttiidha.
Israa’el waliin wal waraanaa kan jiru Hezboollaan qaama waliigaltee Jimaata mallattaa’e kanaa miti.
Akka waliigaltee kanaatti garuu gareen kun Kibba Libaanositti kan argamu naannoo Litaanii keessaa baasamoo ni fudhata kan jedhu ifa miti.
Ameerikaa muddamni Israa’elii fi Hezboollaa jidduu jiru waliigaltee Iraan waliin taasifame gufachiisuu danda’a jechuun yaadda’aa jirti.
Waliigaltee Ameerikaa waliin mallatteeffamerratti Iraan Libaanos dabalatee “addawwan hundaan” waraanni akka dhaabbatuuf gaaffiin dhiyaate hojiirra akka oolfamuuf waadaan galamee jira.
