Baankiin Addunyaa Itiyoophiyaatti bara 2025’tti hiyyummaa dhibbentaa 43’n dabaluu danda’aa’ jedhe.

OFM:Onkolookessa.13/2025-Gabaasni Baankiin Addunyaa hiyyummaa fi walqixxummaa qabeennaa ilaalchisuun tibbana baase akka tilmaama kaa’etti, Itiyoophiyaa keessatti bara 2025tti sadarkaan hiyyummaa gara dhibbeentaa 43tti ol guddachuu akka danda’u ibseera.

Itiyoophiyaan waggoota kurnan lamaa oliif hiyyummaa hir’isuu irratti tarkaanfii guddaa erga fudhattee booda waggoota dhiyoo asitti garuu qormaanni alaa fi keessoo lammiilee biyyattii irratti wal jijjiiruun jijjirama hiyyummaa keessaa bahuu lammilee irratti dhiibbaa uumuu itti fufee jira jedhe gabaasni Baankichaa.

Weeraraa Koovidiin jalqabee, waraanni biyya keessaa kaaba Itiyoophiyaa fi kaanii akkasumallee gogiinsi cimaa fi qaala’iinsi jireenyaa hammaachuun, GDP biyyatti suuta guddachuu kanaaf sababboota akka ta’an ibseera.

Sadarkaan hiyyummaa biyyattii bara 2016 dhibbeentaa 33 ture bara 2021tti dhibbeentaa 39tti ol guddateeera. Bara 2025tti ammoo gara dhibbeentaa 43tti ol bahuu akka danda’u raagameera jedhe Baankiin Addunyaa.

Safartuun kunis namoota guyyaatti doolaara 3 gadi argatan tilmaama keessa galchuudha.

Lammiileen Itiyoophiyaa dhibbeentaa 37 galiin isaan guyyatti argatan doolaara 3 gadi ta’u.

Dhibbeentaan 38 ammoo yoo xiqqaate daa’imni mana barumsaa galuu qabu tokko barnootan ala akka jiruu fi dhibbeentaan 26 ammoo ga’eessota barnoota sadarkaa tokkoffaa hin xummurre akka ta’an tilmaamameera.

Haaluma walfakkaatuun dhibbeentaan 41 bishaan dhugaatii gahaa kan hin arganne ta’uun ibsameera.

Qaala’iinsi jireennaa jiraattota magaalaa daran miidhaa jiraachuu kan ibse Baankiin Addunyaa hawaasni baadiyyaa gabaa waliin walitti dhufeenna xiqqaa ta’e waan qabuuf qaala’iinsi jireennaa akka magaalaatti cimaa akka hin ta’in ibsa.

Sadarkaan jireennaa baadiyyaa haalaan gadi bu’uusaas, ummata biyyattii keessaa harki sadii hiyyummaa keessa jiraachuu eereera.

Baadiyyaa Itiyoophiyaa keessatti misoomni humna namaa gadi aanaa ta’uun yaaddoo ta’uu ibsuun, bara 2021tti ga’eessota baadiyyaa keessaa dhibbeentaan 86 barnoota sadarkaa tokkoffaa akka hin xummurre hubachiiseera.

Akka Baankiin Addunyaa jedhutti jiddu galeessaan maatii baadiyyaa keessaa walakkaa kan ta’an tokkoon tokkoon isaanii yoo xiqqaate daa’ima nyaata ga’aan dhabuun qancare tokko qabu. Kanneen harka 4 keessa tokko ta’an ammoo daa’imman haalaan miidhaman qabu jedhe.

Garaagarummaan tajaajila mootummaa galii irratti hundaa’e argachuu irratti mul’atu guddaa ta’uu fi abbummaa fi qoodinsi qabeenya biyyattii hamma hiyyummaa kan calaqqisiisu ta’uu ibse Baankiin Addunyaa.

lammiilee Itiyoophiyaa harka qalleeyyii ta’an keessaa harka 1 qofatu konkolaataa, firijii fi kompiitarafaa qaba jedha. Maatiin harka qaleeyyi ta’an yeroo baay’ee gabaa fi tajaajila mootummaa irraa adda baafamuu kan isaan muudatu ta’uus ibsee.

Walakkeessa bara 2024 irraa eegalee mootummaan haaromsa dinagdee maakroo adda addaa kan jalqabe yoo ta’u, kunis gara sharafa alaa gabaa irratti hundaa’etti ce’uu, haaromsa daldalaa fi gibiraa, jijjiirama kurmaana kurmaanaan taarifa humna ibsaa, fi deeggarsa boba’aa dhabamsiisuu dabalata.

Haaromsi kunniin carraa hojii uumuu damee dhuunfaatiin durfamu guddisuu, qonnaan bultoonni xixiqqaa gabaa akka argatan fooyyessuu fi dandeettii dandamachuu namoota jireennaa gad aanaa jiraatanii cimsuuf kan qophaa’aniidha.

Dhiibbaa hatattamaa haaromsi kun hiyyummaa irratti qabu hir’isuuf mootummaan faayidaa saftiineetii dabaluu, mindaa hojjattoota mootummaa ol kaase, akkasumas deeggarsa xaa’oo taasisaa jira.

Hordoffiin dhiheenna kana gaggeeffame akka agarsiisutti guddina dinagdee maatii jalqaba bara 2025tti bara 2024 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu xiqqoo fooyya’eera, haa ta’u malee ammallee keessumaa magaalota keessatti hamaa ta’ee jira.

Bara 2025tti hiyyummaan gara dhibbeentaa 43 guyyaatti doolaara 3, gad kanneen argatan akka ol guddatu kan eegamu yoo ta’u, bara 2026 tti garuu kun suuta suutaan akka hir’atu tilmaamameera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *