Affaaritti balaa kirkira lafaan lubbuun nama tokkoo yoo darbu manneen kuma 43 ol tajaajilaan ala ta’an.

OFM:Onkoloolessa.12/2025-Naannoo Affaar Godina Kaabaa Aanaa Barhaaleetti balaa Kirkira Lafaa muudateen namaafi qabeennarra miidhaan gahe.

Bulchaan Aanichaa Obbo Alii Huseen, sababa kirkira lafaan ijoolleen umrii ganna 12 lubbuun yoo darbu namoonni 6 irrammoo miidhaan qaama gaheera jedhan.

Aanicha keessaa gandoota Bureefi Asgubii jedhamanitti manneen hedduun jijjiguus eeraniiru.

Manneen kuma 43f 456 guutummaan jijjiguun lammiileen golee mana jireennaa malee alatti hafuus eeran.

Miidhamtootaaf deeggarsi taasifamuuf hojiileen eegalamuus ibsaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *