OFM:ODUU HAARAWA:Onkoloolessa.14/2025
Fincilli qeerroo Madagaaskaar pirezidaantii biyyaa hariinaan waraanni aangoo qabachuu labse!
Madagaaskaritti mormii qeerroon biyyattii eegaleen pireezidaantiin biyyaa dheessuun humni waraanaa aangoo qabachuu beeysise.
Akka gabaasaaleen jedhanitti Pireezidaant Raajoo’elinaa ammayyuu gaggeessaan ana jechuun bu’uu didaniiru.
Paartiisaanii dabalatee miseensonni paarlaamaa biyyattii har’a sagalee kennaniin akka aangorraa bu’an murteessaniiru.
Kana hordofee humni waraana biyyattii “Elite” jedhamu aangoo dhuunfachuu ifatti beeysise.
Ajajaan humna waraanaa “Elite” jedhamuu Koloneel Mikaa’el Raandiriyaniriinaa ibsa gareensaa baase yeroo dubbisu, “aangoo qabannee jirra” jechuun beeysiseera.
Gareen humna waraana biyyattii kun warraaqsa qeerroon Madagaaskaar kaase sirriidha jechuun waliin akka hiriiru dhuma torbee darbee beeysisee turuun ni yaadatama.
