Siiriil Raamaafoosaan Elon Maaskiin

”Hundee kee hin dagatin yaa abbaa qabeennaa” jedhan.

OFM:Sadaasa.19/2026.Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Abbaa qabeennaa Elon Maaskiin bakka dhaloota isaa, bakka itti guddatee milkaa’ina argate yaadachuun guddina Afrikaa Kibbaa keessatti gumaacha akka godhu ifatti gaafataniiru.

Pireezidaantichi waamicha kana kan dhiyeessan guyyoota muraasa dura waltajjii “Silicon Valley and the World” Semafor jedhamu kan Ameerikaa Kaalifoorniyaatti gaggeeffame irratti Af- gaaffii ABC News Jonathan Karl waliin taasisaniini.

Jila Afrikaa Kibbaa invastimantii namtolchee fi teeknooloojii irratti xiyyeeffate hoogganaan ergaa kana kan dabarsan Raamaafoosaan, Mech barnootaa fi carraawwan har’a milkaa’ina isaaf bu’uura ta’an kan argate Afrikaa Kibbaatti ta’uu yaadataniiru.

Pireezidaanti Raamaafoosaan, haasaa isaanii keessatti, “Wanti ati har’a jirtu hundi hundee kee fi bakka jalqaba baratte irraa madda,” jechuun, Eloon Maaski hundee isaa dagachuu akka hin qabne cimsanii dubbataniiru.

Fedhiin Maaskiin ijoollummaa isaatti Afrikaa Kibbaatti kompiitaraa fi maashinii taphaaf qabu, akkasumas beekumsaa fi barnoonni biyyattii keessatti argate, har’a dandeettii guddaa isaaf madda guddaa ta’ee akka tajaajilu pireezidaantichi hubachiisaniiru.

Kanaaf dhalataan Piritooriyaa kun, “Ani guddina Afrikaa Kibbaa bakka har’a jirutti na geesseef gumaacha gochuu fi deebisee kennuu barbaada” jedhan keessaa tokko ta’uu qaba kan jedhan Raamaafoosaan, namni tokko biyya haaraa keessatti lammummaa yoo argatellee biyya isaa duraaniif amanamaa ta’ee turuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Kanumaan walqabatee, Pireezidaanti Raamaafoosaan imaammata jijjiirama diinagdee Afrikaa Kibbaa, keessumaa seerota lammiilee Afrikaa Kibbaa gurraachonni diinagdeen hammatamuu isaanii mirkaneessuuf qophaa’anii fi ulaagaan abbummaa biyya keessaa dhibbeentaa 30 kan dhaabbatni Maaski, Starlink, hayyama guutuu akka hin arganne taasise irratti qeeqa yeroo dheeraaf dhiyeessan deebii kennaniiru.

Maaskiin “uumamaan baay’ee konsarvaatiivii” jechuun kan ibsan pireezidaantichi miidhaa gadi fagoo sirni Appaartaayidii geessise guutummaatti akka hin hubanne dubbataniiru.

Raamaafoosaan qaawwa baajata barnootaa bara Appaartaayidii keessa ture kaasuun, “mootummaan Appaartaayidii barnoota isaaf raandii 12 kan baasu yoo ta’u, kan kiyya irratti ammoo raandii 1 qofa baase” jechuun sirnichi seeraan, qabatamaan fi karaa maraan warra adii akka fayyadu ibsan.

Dhugaa seenaa kana tuffachuun miidhaa gahe suphuudhaaf maaltu akka barbaachisu hubachuun akka hin danda’amne pireezidaantichi hubachiisaniiru.

Dhumarratti, Pireezidaantiin Siiriil Raamaafoosaan kanaan dura Eloon Maaskii waliin wal arguu isaanii fi dandeettii isaanii dinqisiifachuu isaanii dubbataniiru.

Haa ta’u malee, imala isaanii Kaalifoorniyaatti sababa walirra ooluu sagantaatiin qaamaan wal arguu akka hin dandeenne kan hubachiisan yoo ta’u, biliyeenarri kun misooma biyya isaa irratti xiyyeeffachuu akka itti fufu fedhii akka qabu irra deebi’ee ibsaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *