Hamaas Hidhannoo hiikkachuun yoo Israa’el guutummaatti waraana dhaabuun Gaazaa keessaa baate qofa jedhe.
OFM:Adoolessa.31/2026.Hidhannoo ulfaataa keenna kan hiikkannu yoo Israa’el waraana dhaabdee, Gaazaa keessaa baate qofa jechuun Hamaas ibsa haaraa baaseera.
Sochiin Hamaas Israa’el haleellaa Gaazaa irratti raawwattu guutummaatti yoo dhaabdee fi humnoota waraanaa ishee Gaazaa keessaa yoo baaste qofa hidhannoo gurguddaa akka hin hiikkannee eera.
Hamaas marii Koree Nagaa kan Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampi gaggeessaa jiru keessatti “itti gaafatamummaa fi haala gaariin” hirmaachuu ibse.
Akkasumas, gareewwan Filisxeem jidduutti waliigalteen mootummaa uumamuun gabaafamee jira.
Hamaas akka jedhetti, Israa’el haleellaa Gaazaa irratti raawwattu dhaabuu fi waraana isii Gaazaa keessaa baasuun waliigalteen kun hojii irra ooluuf haal-duree ijoodha.
Ibsi Hamaas dabalataan, waliigalteen kun humna nageennaa idil-addunyaa Gaazaatti bobbaasuu, mirga Filisxiimonni of bulchuu fi hiree ofii murteeffachuu kabachiisuu, akkasumas mootummaa Filisxeem walaba hundeessu akka hammatu ibse.
Hamaas hidhannoon gurguddaan hiikkamu Koree Bulchiinsa Gaazaa (NCAG) jalatti olkaa’amee eegumsa jala akka ooluu ta’a.
