Badhaafamtuu Noobeelii Naadiyaa Muraad
Mootummoonni waadaa waggoota 75 dura seenan cabsaniiru jette.
OFM:Adoolessa.30/2026.Mootummoonni waadaa galan kabajuu dhabuun Lammiileen miiliyoona 118 ol humnaan akka buqqaafaman sababa ta’eera jechuun Naadiyaan dubbatteetti.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni baqattootaa addunyaa guutuutti namoonni miiliyoona 118 ol humnaan qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru jedhe.
Lakkoofsa kana keessaa gara miiliyoona 68 ta’an biyya isaanii keessatti kan buqqa’aniidha.
Namoonni miiliyoona 41.6 ol ammoo kanneen biyya isaaniirraa gara biyya biraa baqataniidha. Namoonni miiliyoona 9 ol kan ta’an ammoo koolugaltummaa gaafataa jiru.
Konveenshiniin haala baqattootaa bara 1951 waggaa 75 dura mallattaa’e har’a kabajamaa jira.
Injifattuun badhaasa Noobeelii Nagaa Naadiyaa Muraad waadaan buqqaatotaaf galame akka raawwatamu gaafattee jirti.
Namoonni humnaan buqqa’an hundi nageennaa fi eegumsa guutuu akka argataniif tarkaanfiin itti fufiinsaa fi walitti hidhame akka barbaachisu cimsitee dubbatteetti.
Mootummoonni waadaa waggoota 75 dura galan jecha bira darbanii hojiitti hiikuu qabu jette.
Konveenshiniin Baqattootaa bara 1951 baqattoonni fi namoonni biyya keessaa buqqa’an humnaan gara biyya lubbuun isaanii ykn bilisummaan isaanii balaadhaaf saaxilamutti akka hin deebifamne wabii kenna.
Akkasumas baqattoonni mirga socho’uu, hojjechuu, barnootaa fi tajaajila fayyaa argachuu akka qaban tumameera.
