Pireezidaantiin Sooriyaa yaalii ajjeechaarraa hafan. OFM:Waxabajjii.28/2025-Pirezdaantiin Sooriyaa Ahmad Al-Shara’i yaalii ajjeechaarraa hafuun isaanii gabaafame. Miseensi ol’aanaa ISIS kan Hizbullah waliin hidhata qabu magaalaa Daraa’i keessatti Pirezidaantii Sooriyaa Ahmad Al-Shara’i ajjeesuuf yaaluusaa TRT World gabaaseera. Miseensi ol’aanaan ISIS qaamolee Hizbullaah waliin hidhata qabu tokko daaw’annaa dhiheenna kana Daraa’irratti taasisaniin Pirezidaantii Sooriyaa ajjeesuuf yaaluusaa maddeen basaasaafi nageenna naannawaa ibsaniiru jedhameera. Dhaabbanni Basaasaa Sooriyaa dabni kun osoo hin raawwatamin dura basaasa Turkiyyee waliin ta’uun to’achuusaa maddeen eeraniiru jedha gabaasni kun. Shakkamaan kun eennummaan isaa ifatti kan hin ibsamne ta’us, Sooriyaa Kibbaa yookiin daangaa Libaanos irratti qindeessaa kontirobaandii Hizbullaah waliin hidhata qabu ta’uunsaa himameera. Pireezidaantiin Sooriyaa dhimma kanarratti ibsa kan hin kenninee fi garuu wayita ammaa shakkamtoonni hedduun qoratamaa akka jiran maddi gabaasa kanaa akeekeera.