Morkiin nuusa xummuraa obboloota lamaan jidduutti taasifamu!

OFM:Adoolessa.02/2025-Waancaa kilaboota addunyaa Ameerikaatti aeemsifamaa jiruun kilaboonni 8 nuusa xummuraaf darbuu isaanii mirkaneeffataniiru.

Kilaboonni 2 Jarmaan irraa kilaboonni 2 ammoo Braazil 1 Firaans 1 Inglaand akkasumas 1 Ispeen akkasumas 1 Sa’udii Arabiyaa irraa kilaboota marsaa itti aanutti darbanidha.

Taphni Baayer Muunik PSG waliin taasisu tapha xummura dura kan jedhamee yoo ta’u tapha morkiin cimaan itti taasifamdhu fi jaalattota kubbaa miilaa ni biratti miira ho’aan eegama.

Taphni biraan ammoo morkiin obboloota lamaan Jobe Bellingham fi Jud Bellingham walitti fidee Riyaal Maadrid fi boorishiyaa Dortmund jidduutti taasifamu haalaan eegamaa jira.

Jobe Bellingham kilaba isaa duraanii Sandrland shaampiyoonshippi biyyattii irraa gara pirimar liigii Inglanditti akka ol guddatuuf gahee leencaa erga taphateen booda Paawundii miliyoona 40n Boorishiyaa Dortmund ofitti fudhachuu danda’eera.

Waancaa kilaboota addunyaa kana irratti kilabichatti dabalamuun hiriiree taphachaa kan jiru Jobe Bellingham tapha nuusaa xummuraan Riyaal Maadrid waliin kan falmatu ta’a.

Morkiin obboloota lamaan kunneen Jobe Bellingham guyyaa kalessaa kaardii keelloo 2ffaa argachuu hordofee obbolaa lamaan dirree irratti arguu dhiisuu dandeenna shakkiin jedhus jira.

Karaa biraan taphni kilaboota lamaan kana gidduutti taasifamu adda kan isa taasisu ammoo Jud Bellingham obboleessa isaa malee kilaba isaa duraa waliin kan falmatu ta’a.

Boorishiyaa Dortmund kessatti waggoota milkaa’inaa kan dabarse Jud Bellingham amma faallaa ta’ee garee isaa duraanii waliin kan falmatu ta’a.

Riyaal Madrid Juventuus goolii 1-0n injifachuun nuusaa xummuraaf yoo darbu Boorishiyaa Dortmund gama isaan kilaba Sarjiyoo Raamoos kan ta’e Monterey goolii 2-1n injifachuun nuusaa xummuraaf gaheera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *