Sooriyaan walitti bu’iinsa gosaa hammaate to’achuuf yaalaa jirti.
OFM:Adoolessa.20/2025-Pireezidaantiin Sooriyaa ”dhukaasa dhaabuu atattamaa” labsaniis kibba Sooriyaatti walitti bu’iinsi gosaa itti fufe.
Gabaasonni akka jedhanitti, loltoonni Diruuz magaalaa Suweedaa keessaa humnoota Beduwiin magaalaa Suweedaa keessaa lolanii baasaniiru.
Magaalota biroo bulchiinsa Suweedaa keessa walitti bu’iinsi itti fufeera jedhameera, BBC’n adda baafachuu baatus.
Humnoonni mootummaa Sooriyaa jalqaba torban kana bobbaafaman hawaasa Diruuz irratti haleellaa banuun himatamaniiru.
Torban tokko keessa namoonni 900 ol ajjeefamuun gabaafameera.
Qaamoleen walitti bu’iinsa keessa jiran hundi badiin himatamu.
Ministirri Dhimma Alaa US, Maarkoo Ruubiyoo, Sooriyaa keessa ”gudeeddiifi ajjeechaan namoota nagaa” dhaabbachuu qaba jechuun gaafa Sambataa X gubbaa barreessaniiru.