Koomishiniin Poolisii Affaar Odeeffannoon Fuula Miidiyaa Hawaasaa Isaarratti Maxxanfame kan miseensa “Diinatti dheesseetiin” ta’uu ibse.

OFM:Adoolessa.24/2025-Komishiniin Poolisii naannoo Affaar ibsa baaseen odeeffannoowwan tibbana fuula Feesbuukii isaa irratti maxxanfamaa jiran ergaa(dhaamsa)isaa akka hin taane ibseera.

Komishinii Poolisii naannichaa, namni Kahaaj Jami’ii Adaam Ahimed jedhamu ”lafa hojii isaanii irraa gara diinaatti makameera” jechuun, fuulli Feesbuukii Komishiniichaas harka ogeessa ”diinatti makame” jedhamee akka ture ibseera.

Fuula Feesbuukii Komishinii Poolisii Naannoo Affaar irratti maxxansi Adoolessa 23/2025 baheen bulchiinsa Paartii Badhaadhinaa kan morman yoo tahu, naannichi ”jidduugala leenjii waraanaa qaama hidhate kamuu akka tahu hin eeyyamnus” jedha.

Komishiniin poolisii naannoo Affaar ammoo fuulli Feesbuukii isaa waggootaaf ogeessa kanaan to’atamaa turuu ibsuun, guyyaa Kaajii Jami’ii Adam Ahimed badee jalqabee ogeessota isaan ilaallatu waliin tahuun fuula Feesbuukichaa cufsiisuuf hojjetamaa turuu ibseera.

Fuulli Feesbukichaas erga cufamee booda A.L.Itti Adoolessa 16/11/2016 ”namni dhuunfaa kun deebisee banuun ergaawwan hin barbaachifne yaada dhuunfaa isaa tahan irratti tamsaasuu danda’eera,” jedha ibsi komishiinii poolisii nasnnichaa.

”Kunis kan agarsiisu namni kun fuula feesbuukichaa Iimeelii (Emial) dhuunfaa isaan akka banamu gochuun waggoota arfan darbaniif qophaa’aa turuu isaa akeeka.

”Ammas fuulli Feesbuukii kun harkuma nama yakkaan barbaadamaa jiru Kaajii Jami’ii Adam Ahimed kan jiru yoo tahu, ergaan achirratti maxxanfamus Komishinii Poolisii naannichaa kan bakka hin buuneedha,” jedhe.

”Ergaan achirratti darbu uummata, mootummaa fi miseensota keenna akka hin burjaaajessine akeekkachiisna,” kan jedhe komishinichi fuulduratti fuula feesbuukii nageenni isaa eegame akka ifoomsu ibseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *