Godina Geediyootti Sigiga lafaan lubbuun namoota 9 darbe.
OFM:Hagayya.28/2025-Godina Geediyoo Aanaa Reephitti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 9 darbeera.
Balichi halkan edaa Sa’aatii 5tti kan muudate ta’uu Qajeelchi Poolisii Godinichaa ibseera.
Balaa muudateen hanga ammaatti lubbuun namoota 9 akka darbes ibsameera.
Bulchaan Godinichaa Dooktar Zinaabuu Waldee fi qondaaltoonni biroon har’a ganama Aanaa Reephitti argamuun maatii miidhamtoota jajjabeessaniiru.
Namoota qe’ee fi qabeenna isaanirraa buqqa’aniif deeggarsi barbaachisu kan taasifamu ta’uu dubbataniiru jechuun FMC’tu gabaase.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…
https://oromiafreedommedia.org
https://t.me/oromiafreedommedia
https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia