Haleellaa tibbana finxaaleyyiin faannoo Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaaleessaatti raawwataniin namoonni 6629 qe’ee isaaniirraa buqqa’an qarqaarsa hatattamaa barbaadu.

OFM:Fulbaana.06/2025-Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaatti haleellaa hidhattootni finxaaleyyii Faannoo tinbana raawwataniin baay’inni namoota buqqa’anii qarqaarsi hatattamaa isaan barbaachisuu 6629 akka ta’e waajjirri kominikeeshinii aanichaa himeera.

Haleellaan hidhattoota finxaaleyyii Faannootiin wayita ammaallee gandoota aanichaa keessatti itti fufuun ibsame.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaatti haleellaa finxaaleyyiin Faannoo Hagayya 23,/2025 raawwataniin abbootiin warraa 1318, walumatti jiraattonni 6629, buqqa’uu waajjirri kominikeeshinii aanichaa ibsa karaa miidiyaa hawaasaarratti maxxanseen beeysiseera.

Namoonni buqqa’an kunneen yeroo ammaa mana barnootaa Gararoo Loomicaa qubatanii jiru jedhe komnikeeshiiniin Aanichaa.

Buqqaatota kana keessa Daa’imman umurii waggaa 2 gadii fi maatii hin qabne, waliigala 362 akka keessatti argamaniidha ragaan Ogeessota fayyaa aanichaa fi koree sadarkaa Aanaatti hundaa’ee achitti argamanii mul’iseera.

Buqqaatota ganda Hoomaa Gaalessaa keessa manguddoonnii fi dubartootni ulfaa, waliigalatti 220 akka ta’anii fi dubartoonni lama bakka qubatanii jiranitti akka dahan (hiikkatan) ibsamee jira.

waajjirichi; Namoota15 haleellaa hidhattootaan miidhaan jabaan irra gahe waldhaansa fayyaa argataa akka jiranis ibseera.

Warraa miidhaa irra gahee yaala fudhataa jiran keessa daa’imni waggaa lama tokko kan argamtu tahuun ibsamee jira.

Kominikeeshiniin Aanichaa qarqaarsi gama Buusaa Gonofaatiin godhamaa jiru gahaa tahuu dhabuu fi tumsi dabalataa akka barbaachisu himeera.

Gandoota baadiyyaa aanichaa keessatti Hidhattoonni kunneen ajjeechaa fi saamicha itti fufuu kominikeeshiniin aanaa Abee Dongoroo ibsee jira.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…

https://oromiafreedommedia.org

https://t.me/oromiafreedommedia

https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *