Ragaaleen miliqanii bahan dhaabbanni Chaayinaa teeknoolojii hordoffii fi gulaalliif oolu, gara Itiyoophiyaa ergaa turuu saaxilan.
OFM:Fulbaana.10/2025-Ragaaleen miliqanii bahani, dhaabbanni Chaayinaa teeknooloojii saansura interneetiif hojiirra oolan gara Itiyoophiyaa, Miinmaar, Paakistaanii fi Kaazaakistaanitti ergaa akka ture saaxilan.
Ragaaleen miliqanii baafaman kun gara kuma dhibba tokkoo ta’uu kan himame yoo ta’u, dhaabbanni Chaayinaa Giij Neetworkis jedhamu, meeshaalee teeknooloojii saansura ragaa interneetiin tamsa’an gulaalee to’atu mootummoota akka Mootummaa Itiyoophiyaa, Kan Miiyiinmaar, Paakistaanii fi kan Kaazaakistaanitti gurguruu isaa Gaazexaan Kaanaadaa Ze Giloobe ende Meeyil (The Globe and Mail) gabaaseera.
Akka ragaaleen kun saaxilanitti dhaabbatni Chaayinaa kun qaama sagantaa hordoffiiwwan qabiyyee interneetii Chaayinaan baafatte jedhamu “Great Firewall” ta’uus ibsameera.
Ragaaleen Kuma dhibba tokkoo ol ta’an kan miliqanii bahan kun, dhaabbanni teeknoolojii Chaayinaa Giij mootummoolee biyyoota gabaasa kana keessatti eeramaniif meeshaalee namootni maal akka karaa interneetii ilaalan hordofuuf oolu, kan qabiyyeewwan interneetiin tamsa’an ittiin gulaalanis dhiyeesseefii jira.
Dhaabbanni Giij Itiyoophiyaa keessatti dhaabbilee tajaajila Interneetii dhiyeessan kanneen akka Safaarikoom waliin calallii odeeffannoo kan mootummaan kallattii isaa kenne hojiirra oolchuuf akka hojjete The Globe and Mail gabaasa isaa keessatti eere.