Bu’aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boru ifooma.

OFM:Fulbaana.13/2025-Bu’aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 boru ifooma.

Qabxicha ilaalchisee boru waaree booda sa’aatii 10:00: eegalee ibsi kan kennamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeysiseera.

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2017 Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 08/2017tti kennamuun kan yaadatamuudha.

Waliigalaan barattoonni kumni 600 fi kumni 8 fi 742 qormaaticha toora onlaayinii fi waraqaan fudhatanii jiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *