Magaalaa Finfinnee kutaa Magaala Araadaatti balaa tiraafikaa muudateen lubbuun nama tokko darbe.
OFM:Fulbaana.17/2025-Magaalaa Finfinneetti balaa tiraafikaan lubbuun nama tokkoo darbuu Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
Balaan kun guyyaa har’aa fulbaana lafa barii toora sa’aatii 12:10 irratti kutaa magaala Araadaa, aanaa 6 iddoo adda Afincaa Barri jedhamutti akka muudate poolisiin magaalichaa beeysiseera.
Balaan kuni konkolataa geejjiba ummataa irraa kan gahe ta’uus himame.
ka’umsii konkolaataa kanaa Shiro Meedaa irraa gara Afincaa Batriitti imalaa osoo jiruu iddoo pirojektii misooma qarqara laggeen kan meetira 30 fagaatee naannawa Afincaa barriitti ijaaramaa jirutti balaan kun muudate.
Balaa kanaan Dubartiin waggaa 22 batalumatti lubbuun yoo dabartu, miidhamtoonni lubbuun hafan immoo hospitaala Abeeti fi Yakkaatiti 12tti yaala fayyaa argat jiraachuun ibsameera.
Koomishiniin Poolisii Magaala Finfinnee itti dabaluun sababni balaa kanaa qoratamaa jiraachuu fi odeeffannoon bal’aan booda kan kennamu tahuu ibseera.