Tiraamp kantiibaa Niiw Yoork haaraa filame Zoohraan Maamdaanii waliin wal-arguufi.
OFM:SADAASA.20/2025.Pireezidaant Tiraamp kantiibaa Niiw Yoork haaraa filame Zoohraan Maamdaanii waliin Waayit Haawusitti wal-arguufi.
Arrabsoofi jecha walitti darbachuu yeroo filannoo magaalattii jidduu isaanii deemaa tureen booda wal-arguuf jechuun isaanii kuni kan dhagahame.
Namni umriinsaa 34 Zoohraan Maamdaanii Demokiraatik Soshaaliistii, jalqaba baatii kanaa kantiibaa Niiw Yoork tahuun filame.
Filannoon dura magaalattiin ala beekamtii guddaa kan hin qabne yoo tahu, amma nama akka biyyaalessaatti maqaan dhahamu tahee jira.
Tiraamp ”kantiibaan koministichi” wal-arguuf akka gaafate himan, walgahiin kuni waajjira mootummaa Ovaal Ofiisitti taa’ama.
Dubbii-himtuun kantiibaa haaraa filame kanaa kantiibaan haaraa filame pireezidaantii waliin wal-arguun aadaa dha jette.
”Kantiibaan haaraa Pireezidaanticha Waashingitanitti yoo argu waa’ee nageenna uummataa, diinagdeen of danda’uufi humna tajaajilaafi dhiyeessii bu’uura jireennaaf kaffaluu danda’uu, jiraattoonni miiliyoona tokko Niiw Yoork isa filatan irratti mari’achuuf jedha,” jette dubbii-himtuun Dooraa Peekeek.
