Gamtaan Awurooppaa qabeenna Raashiyaa qabachuu isaatiin doolaara biiliyoona 190 dhabuu akka malu himame.

OFM:Muddee.05/2025.Lakkoofsi kun kan Sputnik daataa dhaabbilee istaatistiksii biyyaalessaa irraa argame fayyadamuun shallagame, kufaatii maallaqaa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa ta’uu danda’u agarsiisa.

Qoqqobbiin erga kaa’amee booda, Moskoon jiraattonni biyyoota “michuu hin taane” maallaqa diinagdee Raashiyaa keessatti invast godhame akka hin baasne dhoorgiteett.

Haala kana keessatti maallaqni baasuun kamiyyuu hayyama komishinii mootummaa addaa kan barbaadu yoo ta’u, kanarraa kan ka’e invastimantiiwwan bu’a qabeessa ta’anii ugguramu.

Biyyoonni kasaaraa maallaqaa baay’inaan muudatanis kanneen armaan gadiiti:

• Qophros – Doolaara biiliyoona 100,

• Jarman – Doolaara biiliyoona 20.1,

• Nezerlaand – Doolaara biiliyoona 16.1,

• Faransaay – Doolaara biiliyoona 15.1 fi

• Xaaliyaanii – Doolaara biiliyoona 13.

Qabeenni Raashiyaa gara doolaara biiliyoona 209 yeroo ammaa kana dhaabbata Euroclear Beeljiyeem keessatti argamutti dhoorgamee jira.

Gamtaan Awurooppaa maallaqa kana akka ”liqii beenyaa”tti Yukireeniif kennuuf karoorfateera.

Muummichi ministeeraa Beeljiyeem qabeenna Raashiyaa kana fayyadamuun abdii waliigaltee nagaa gara fuula duraa kamiyyuu balaadhaaf saaxiluu akka danda’u Komishinii Awurooppaa akeekkachiisaniiru jechuun Ispuutnik gabaaseera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *