U.S.A fi Itiyoophiyaan waliigaltee deeggarsaa Doolaara biiliyoona 1.4 ol mallatteessan.

OFM:Muddee.23/2025.Ameerikaafi Itiyoophiyaan waliigaltee deeggarsaa Doolaara biiliyoona 1 fi miiliyoona 400 fi kuma 600 fi kuma 60 mallatteessaniiru.

Mootummaan Ameerikaa tumsa damee fayyaa Itiyoophiyaaf deeggarsa Doolaara biiliyoona 1.01 ifoomsee jira.

Deeggarsi kun tumsa misoooma waaraa waggoota shanii damee fayyaafi invastimantii waloo cimsuuf kan oolu akka ta’es himame.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaafi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaan mallatteessaniiru.

Deeggarsi kun tumsa Itiyoophiyaafi Ameerikaa keessatti isa seena qabeessa jedhamuun ibsameera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *