Raashiyaan uggura Ameerikaan irra keesse hordofee imala viizaa irraa bilisa biyyoota Afrikaa gara 15tti guddisuufi.
OFM:Amajjii.14/2026.Raashiyaan uggura Ameerikan biyyoota Afrikaa irra keesse hordofee imala viizaa irraa bilisa ta’e biyyoota Afrikaa dabalataa afuriif kennuufi.
Biyyoonni Raashiyaan Viizaa bilisaa hayyamteef kanneen Zaambiyaa, Zimbaabuwee, Moozaambiik, fi Eswaatinii turan.
Murteen kunis turizimii guddisuu fi hariiroo dippilomaasii fi dinagdee kibba Afrikaa cimsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u irra caalatta ammoo uggura Ameerikaan biyyota kanarra keesseefi.
Biyyoonni Afrikaa 11 yeroo ammaa kana imala viizaa irraa bilisa ta’e gara Raashiyaa imaluu kan danda’an yoo ta’u, biyyoota kana waliin gara 15 ta’a jechuudha.
Kunis qaama tattaaffii Moskoo dhiibbaa ardii kana irratti qabdu guddisuu fi walitti dhufeenni biyyoota kanneen Ameerikaa waliin qaban xiqqaataa dhufuu isaati.
Biyyoota Afrikaa kibbaa afran kana tarree michoota Viizaa irraa bilisa Raashiyaan Afrikaa keessatti babal’ataa jiru keessatti hammachuudhaaf mariin itti fufee jiraachuutu ibsame.
Biyyootni Afrikaa 11 viisaa malee gara Raashiyaa deeman Angoolaa, Bootswaanaa, Keep Verde, Moorisiyaa, Maalaawii, Morookoo, Naamibiyaa, Saa’oo Toomii, Siisheel, Tuuniziyaa fi Afrikaa Kibbaa fa’a.
