Paarlaamaan Awurooppaa raawwiin nagaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaa gadi aanaa ta’uu naaf beekaa jedhe.
OFM:Amajjii.16/2026.Jeequmsa siyaasaa biyya keessaa fi waldhabdee ji’oopoolitikaa humnoota alaa gaanfa Afrikaa waliin jiran jidduutti, raawwiin nagaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaa gadi aanaa ta’uu Wiirtuun Qorannoo Nagaa fi Dimokiraasii Paarlaamaa Awurooppaa beeysiseera.
Jiddugalichi kana kan beeysise sanada mata duree “Global Threats to Peace and Democracy in Countries” jedhuun hojii paarlaamaa kanaaf gargaara jedhe yeroo ifa godhetti.
Jiddugalichi qorannoo nagaa fi dimokiraasii biyyoota 137 irratti gaggeessaa ture jedherratti, Itiyoophiyaa sadarkaa 112ffaa irratti kan kaa’e yoo ta’u, Biyyi federaalizmii sabaatiin bulfamtu sababaa walitti bu’iinsa, gogiinsa fi dhiibbaa diinagdeetiin lammiileen miiliyoona 21.4 qarqaarsa namoomaa barbaachisa jedheera.
Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha hordofuun raawwiin diinagdee biyyattii fooyya’uu ibsuun, nageenna saayibarii irratti fooyya’iinsi mul’atus, raawwiin nagaa fi dimokiraasii isii kan biyyoota Sahaaraa gadii irraa gadi aanaa ta’uu ibseera.
Shororkeessummaan, hanqinni anniisaa, yakkoonni biyyoota ollaa, rakkoo diinagdee, babal’achuun odeeffannoo dogongoraa, babal’achuun biyyoota tasgabbaa’oo hin taane, hookkaraafi walitti bu’iinsi nagaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaaf yaaddoo ka’umsaa tahuu eereera.
