Ogeessi Aartii beekamaa Natsaannat Warqinaan du’aan lubbuun darbe.
OFM:Amajjii.16/2026.Ogeessi Aartii beekamaan Natsaannat Warqinaa dhibee irra bubbuleen du’aan addunyaa tanarraa godaaneera.
Natsaannat fiilmiiwwan koomeedii jaallatamoo hedduu qopheessuufi taatoo ta’uun beekama.
Televizhiinii EBS irratti kan tamsa’u sagantaa “Yebetasab Caawwataa” jedhamuu dhiheessuu fi fiilmiiwwan garaa garaa hojjechuudhaan uummata biratti beekkamtii fi jaalala kan horate artisti Natsaannat Warqineh, dhibee tasa isa muudateen Guyyaa har’aa du’aan addunyaa kana irraa kan godaane.
Sagantaa Tapha Anga’ootaa bara haaraa 2017 irratti Hidha Laga Abbayyaatti qophaa’errattis gaaffii aanga’ootaa gaafataa akkasumas sagantichi akka nama hawwatu taasisee ture.
Natsaannat nama bultii horatee fi Abbaa ijoollee sadii akka ture.
