Itiyoophiyaan iddoo leenjii garee Finciltoota Suudaaniif ijaaruu gabaasi qorannoo Rooyitarsi ibse. Kanaadaatti haleellaa mana barumsaatti raawwateen namoonni sagal du’an, 25 madaa’an. Pireezidaant Doonaald Traamp Diinagdee U.S. “Dinagdee Tiraamp” jechuun Labsan. Ministirri Muummee Biriteen Keeyir Istaarmar Waamicha Aangoo gadi dhiisuuf taasifame didan; “Ani Yoomiyyuu hin deemu” jedhan. Paayileetiin Somaaliyaa xayyaara rakkoo teeknikaa godhate qarqara galaanaa qubsiise jajamaa jira.
