Senegaal Mana Murtii Ispoortii Addunyaatti ijibbaata akka dhaabbattu beeysiste!
OFM:Bitootessa.18/2026.Konfedereeshiniin Kubbaa Miillaa Afriikaa (CAF) Waancaa Afriikaa Senegaal injifatte haquun Morookoof akka kennamu murteessuu hordofee Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Senegaal ibsa baaseera.
Ibsa kanaanis “Murtoon CAF haqa-maleessaa fi fudhatama kan hin qabne” jechuun murtoo kubbaa miilaa Afrikaarraa kabaja kan mulqe jedheera.
“Mirga biyyaa eegsisuufi kabaja kubbaa miilaa Senegaal deebisuufis Laawusaaniitti kan argamu Mana Murtii Ijibbaata Ispoortii Addunyaatti ol-iyyannoo nan galcha” jedhe.
Haqa ispoortii deebisuuf waan irraa eegamu mara akka raawwatu ibsuun, waan irra gahes hawaasa biyyattiifi jaalattoota ispoortii hundaan akka gahus ibseera.
