Hidhattoonni Itoophiyaa torba mootummaa loluuf qindoomina uumuu ibsan. Daarektarri CIA pirezidaantii Masrii waliin wal arganuun, Sudaan, Somaaliyaa, fi haala nageenna galaanaa gaanfa Afrikaa irratti mari’atan.Muummichi ministeeraa Qaatar bu’aa waraanni US fi Israa’el Iraan irratti gaggeeffame fide ‘kirkira lafaa’ jechuun ibsan.Haleellaan Huutii waraana Baha Giddugaleessaa hammeessinaan Iraanii fi US wal haleeluuf dhaadatan. Afgaanistaan haleellaa xiyyaaraa Paakistaan raawwatteen namoonni sadii ajjeefaman jette.
