Somaaliyaan muddama Itiyoophiyaafi Ertiraa jidduutti dhalate ilaachisee ijjannoo walabaa akka qabdu ibsite.

OFM:Onkoloolessa.13/2026.Muddama Itiyoophiyaa fi Eertiraa jidduutti uumame ilaalchisee Somaaliyaan ijjennoo isii ibsiteetti.

Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Hasan Mohaammad Alii, muddama waraanaa Itiyoophiyaa fi Eertiraa jidduutti uumame ilaalchisee mootummaa isaanii ijjennoo walabaa qabaachuu ibsaniiru.

Qondaalichi turtii BBC Afaan Somaalee waliin taasisaniin, ijjennoon mootummaa Somaaliyaa nagaa fi walabummaa irratti kan hundaa’e ta’uu dubbatan.

“Ijjennoon mootummaa Somaaliyaa nagaa fi walabummaa irratti kan hundaa’edha; gama kamittuu hin hiriiru,” jedhan.

Somaaliyaan torban darbe Eertiraa, Suudaanii fi Masir waliin Waliigaltee El Alaamiin jedhamu mallatteessuun ni yaadatama.

Walgahii magaalaa El Alaamiin, Masiritti gaggeeffame irratti Pireezidaantiin Masirii Abdul Fattaah al-Siisii, Pireezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii, Pirezidaantiin Mana Maree Ce’umsaa Sudaan Abdul Fattaah al-Burhaan, akkasumas Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliigaltee kana mallatteessaniiru.

Dhimmoonni Galaana Diimaa fi Hidha Guddicha Itiyoophiyaa walgahii biyyoota afran irratti mari’ataman keessaa tokko turan.

Biyyoonni kunneen ibsa waliinii baasaniin, nageenyaa fi nageenna daangaa Galaana Diimaa eeguun, akkasumas itti gaafatamummaa bulchiinsaa fi to’annoo Galaana Diimaa biyyoota qarqara galaanichaa qaban ilaallata jechuun ibsaniiru.

Walgahii El Alaamiin irratti ibsa waliinii baasan keessatti biyyoonni afran tokkummaa, walabummaa fi daangaa biyyoota kabajuu, tasgabbii naannichaa eeguu, akkasumas biyyoonni dhimma biyya biraa keessa seenuu irraa of qusachuu irratti waliigaluu isaanii beeysisaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa, biyyoonni afran ibsa waliinii erga baasanii booda ibsa baaseen, hariiroon Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin qabduu fi mirgi bishaan Abbayyaa fayyadamuu seenaa fi seera irratti hundaa’e akka hin jijjiiramne beeysise.

Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Hasan Mohaammad Alii, biyyisaanii Itiyoophiyaa fi Eertiraa waliin dhimmoota garaagaraa irratti hariiroo fi waliigaltee akka qabdu ibsaniiru.

Jijjiirama muddama naannichaa keessatti mul’ataa jiru Somaaliyaan xiyyeeffannoon hordofaa akka jirtus dubbatan.

Dabalataan, Somaaliyaan fedhii biyyaalessaa fi kan naannichaa eegsisuuf hojjetaa akka jirtu kan ibsan qondaalichi, biyyoota hunda waliin hariiroo gaarii qabaachuu himan.

“Biyyoota hunda waliin hariiroo gaarii qabna. Kana irratti wanti jijjiirame hin jiru,” jedhan.

“Naannicha yeroo ammaa rakkooleen garaagaraa muudataniiru. Xiyyeeffannoon keenya guddaan rakkooleen dabalataa akka hin uumamne of eeggachuudha.

Rakkoolee diinagdee, nageennaa fi sochii naannichaa irratti dhiibbaa geessisaa jiran furuuf hojjechuu qabna,” jechuun turtii miidiyaa waliin taasisaniin ibsaniiru.

Somaaliyaan fedhii biyyaalessaa fi tokkummaa isii eegsisuuf rakkoolee kana furuurratti gahee isii bahataa akka jirtu kan dubbatan qondaalichi, “Dhimmoota naannichaa irratti gumaacha gochuuf dirqama qabna,” jedhan.

Muddama Itiyoophiyaa fi Eertiraa jidduutti uumame ilaalchisee Somaaliyaan gama tokkoof looguu fi dhiisuu isii gaafatamanii, biyyisaanii ijjennoo walabaa akka qabdu ibsan.

“Ijjennoo walabaa qabna. Biyyoota kana hunda waliin hariiroo gaarii qabna. Hanga ammaatti, hariiroo isaan waliin qabnu keessatti wanti jijjiirame hin jiru,” jedhan.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *