Poolisoonni immigireeshinii mana Ilhaan Omaar sakatta’an.

OFM:Onkoloolessa.13/2026.Ejentoonni/poolisoonni immigireeshinii Ameerikaa qorannoo yakkaa gaggeessaa jiraniif mana bakka buutuu ummataa Mineesotaa kan taate Ilhaan Omaar sakatta’an.

Ejentoonni Qorattoonni Dhimma Nageenya Biyyaa Keessaa (HSI) qabeenya naannoo Waashingitan DC jira jedhamerratti ”ajaja sakatta’insaa abbaa seerummaatiin hayyamame raawwachuu isaanii dubbi-himaan kutaa haqaa Ameerikaa himaniiru.

Sakatta’insi gaggeeffame kunis “qaama qorannoo yakkaa federaalaa gaggeeffamaa jiruuti” kan jedhe dubbi-himaan kun, dhimma kana irratti garuu ibsa bal’aa hin kennine.

Wayita ammaa kanatti Kongiresiin US hojiirra waan hin jirreef Ilhaan wayita sakatta’insi kun gaggeeffametti mana jiraachuufi dhiisuun isii ifa miti.

Miseensa warra Dimokiraatii beektamtuu kan taatee fi Pireezidaant Doonaald Tiraampiin cimsitee qeequun kan beekamtu Ilhaan Omaar, sakatta’ina manasheetti gaggeeffame kana miidiyaa hawaasaarratti akka “yaalii diina siyaasaa irratti xiyyeeffachuu fi seera kabachiistota federaalaa meeshaa waraanaa godhachuu” ta’etti ibsite.

“Waggoota kudhaniif Tiraamp soba bu’uura hin qabnee fi duula maqa-balleessiin anarratti xiyyeeffateera,”jedha ergaan isiin miidiyaa hawaasaarratti maxxansite kun.

“Kun duula doorsisa siyaasaa gaggeessaa jiru keessatti erga dhiyoo as daran hammeessuu isaa agarsiisuudha. Ani hin callisu.” jette.

Wiixata rippoortarootatti kan dubbate Tiraamp, “gungumtuu” fi nama badduudha” jechuun isii ibsuun qorannoon qajeelcha haqaa Ilhaan Omaar irratti gaggeeffamu ana “hin ilaallatu” jedhan.

Pireezidaantii warra Rippablikaanii kan ta’e Tiraamp dhalattuu Somaaliyaa miseensa kongiresii kanaan: “Biyya biyya hin taane tokkorraa dhufte,” jedhe.

“(Achii) as dhufteeti egaa waa’ee Heera mootummaa keenyaa kan komii dhiyeessitu (gungumtu).” jedhan.

Daarektarri komunikeeshinii Ilhaan Omaar, Jaakiliin Roojars sakatta’insa Wiixata ganama gaggeeffamee “aangootti akka hin malletti fayydamuu hamaa” bulchiinsa Tiraampiin godhamaa jiruudha jechuun miseensi Kongirasii kun “badii hojjette tokko hin qabdu” jedheera.

Kaayyoon qorannoo yakkaa jedhamee kun ammallee ifa isoo hin ta’in jira.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *