Morkataa jabaan Erdogaan hidhamuu hordofee Turkiin hiriira mormiitti jirti.OFM:Sadaasa.20/2025-Aanga’oonni Turkii kantiibaa magaalaa Istaanbul hidhuu booda biyyattiin hiriira mormiitti seenteetti.Kantiibaan kun paartiisaanii bakka bu’uun pirezidaantummaaf kaadhimamuuf guyyoonni muraasni wayita hafan ture kan hidhaman.Paartii Republican People’s Party (CHP) jedhamurraa kan ta’an Ikraam Imaamogluu akka morkataa jabaa Pirezidant Rasiip Xayyib Erdogaanitti ilaalamu.Abbootiin alangaa malaammaltummaa fi shororkeessitoota tumsuudhaan himatan.Himannaa irratti dhihaateen namni siyaasaa gameessi kun ”dursaa jaarmiyaa yakkamtootaa,” jedhamaniiru.Qorannoo qondaala kanaan walqabatee poolisiin namoota 100 caale to’ate. Namoonni siyaasaa, gaazexeessitoonni fi abbootiin qabeennaa morkataa Erdogaan waliin hidhamaniiru.Waajjirri bulchiinsa magaalaa Istaanbul magaalattii keessatti uggura gosa garaagaraa guyyaa afuriif turu labseera.Ikraam Imaamogluu ”fedhii fi dantaa uummataa callisiisuun hin danda’amu,” jedhan.Kanaan walqabatee uummanni biyyattii daandiiwwan ijoo ta’an, mooraa yuniversitiiwwan biyyattii fi daandiiwwan baaburaa lafa jala darban irratti ba’uun mormii dhageessisaa jiru.Hiriira mormii kanarratti dhaadannoo faallaa mootummaa biyyattiitu bal’inaan dhagahama. Waggoota dhihoo as mufiin uummataa haala kanaan biyyattii keessatti dhalatee hin beeku.Magaalaa guddoo Turkii keessatti hiriirtonni fi poolisiin walitti bu’uu gabaasonni ibsan ba’aa jiru.Suuraan Rooyitarsi maxxanse wayita poolisoonni hiriirtotatti gosa gaazii nama imimmaanessuu facaasuun bittimsan agarsiisa.Keessattuu tarkaanfii poolisii kun fuuldura Yuniversitii Istaanbulitti bal’inaan raawwatamuu gabaase Rooyitarsi.Hiriirtonni hedduun dhaadannoo ”Erdogaan abbaa irree, Imaamogluu ati adda hin jirtu,” jedhu dhageessisaa turan.Mootummaan guyyaa afuriif magaalattiirra dhoorgaawwan adda addaa kaa’eera.Tarkaanfiiwwan kanneen keessaa tokko hawaasni akka walitti hin qabamne (hiriira akka hin baane) kan dhoorguudha.Haata’u malee aanga’oonni paartilee siyaasaa mormitoota ta’anii, haadha manaa Imaamogluu dabalatee, guutuu biyyattiitti hiriira mormii waamaa jiru.Yeroo ammaa daandiiwwan ijoon magaalaa Istaanbul cufamaniiru. Daandiiwwan baaburaa gariinis tajaajila dhaabaniiru.Jaarmiyaan dhimma intarneetii hordofuu fi teessoon isaa UK ta’e- Netblocks Turkiin miidyaalee hawaasummaa kanneen akka X, YouTube, Instagram fi TikTok irra uggura cimaa kaa’uu ibseera.Kantiibaan magaalaa Istaanbul hidhamuu hordofee abbaa irrummaan mootummaa Turkii miidiyaalee hawaasummaa adda addaa irratti saaxilamaa jira.Gariin mormitoonni filannoo pireezidaantummaa as dhufaa jiru akka lagatan dhaamsa dabarsu.Sababaan ammoo filannoon haqa qabeessa ta’ee fi dimokiraatawaan hin abdatamu jedhanii waan yaadaniif.Paartiin Imaamogluu, CHP, ”fonqolcha pirezidantii egeree keenya irratti raawwatame,” jechuun hidhamuu qondaala isaa kana balaaleffate.Ministeerri haqaa Turkii hidhamuu qondala siyaasaa morkataa ta’e kanaaf aanga’oota michuu pireezidaant Erdogaan ta’an himate.Erdogaan fi paartiin isaanii kana ni haalan. Manni murtii hundarraa walaba jedhan.Pirezidantichi waggoota 22 darbaniif aangoorra jiru.Ikraam Imaamogluu bara darbe yeroo lammaffaaf filatamuun kantiibaa magaalaa Istaanbul ta’an.Paartiin isaanii, CHP, kaadhimamaa pirezidantii filachuuf kan ture Dilbata dhufu. Kan abdataman nama kana akka turan maddeen gabaasaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *