Aljeeriyaan hojjettootni Embasii Faransaay 12 biyyaa akka bahan ajajje.
OFM:Muddee.14/2025-Aljeeriyaan hojjettootni eembasii Faransaay 12 sa’aatii 48 keessatti biyyatti gadhiisanii akka bahan ajajuu Ministeerri Haajaa Alaa Faransaay mirkaneesse.
Zhoon No’eel Baarot sababni hojjettootnisaani ari’atamaniif, qondaalotni Alejeeriyaa sadii kan Faransaay jiran himatamuu isaaniin ta’uu dubbataniiru.
Hogganaa qunsilaa Aljeeriyaa Faransaayitti argamu dabalatee namootni sadii dhalataa Aljeeriyaa koolugaltummaa Faransaay argate tokko humnaan butuuf yaaluudhaan shakkamanii himatni irratti hundaa’e.
Namni butamee guyyaa tokko booda gadhiifame, mootummaa Aljeeriyaa qeequun beekama.
Qondaalotni Faransaay Wiixata kana akka biyyattii gadhiisan gaafataman qondaalota Ministeera dhimma biyya keessaa akka dabalatu AFPn maddeen waabeffachuun gabaaseera.
Baarot ibsa Wiixata baasaniin ”aanga’ootni Aljeeriyaa tarkaanfii ar’iachuudhaaf fudhatan kana akka dhiisan nan gaafadha…aanga’oota keenna biyyasaanii keessaa baasuutti yoo cichan garuu, atattamatti deebii kennuu malee filannoo biraa hin qabnu” jedhan.
Akka ministirichi jedhanitti qondaalotni isaanii kan ari’amaniif namootni sadii bara 2023 keessa nama butanii turan Jimaata darbe Paaris keesatti himannaan humnaan nama butuu, akka feeteen nama hidhuu, seeraan ala nama qabanii tursuufi dhaaba shororkeessaa waliin hojjechuu jedhan irratti dhiyaataniiru