Balaa Tiraafikaa Ugaandaatti muudateen lubbuun namoota 63 darbe.

OFM:Onkoloolessa.22/2025-Ugaandaa Magaalaa Kaampaalaatti balaa Tiraafikaa daandii saffisaarratti muudateen lubbuun namoota 63 darbuun himame.

Balichi daandii saffisaa guddicha Guuluu jedhamurratti kan muudate ta’uun ibsameera.

Awutoobisoonni faallaa walii imalaa turan lama walitti bu’uun balaa kana dhaqabsiisuu Poolisiin biyyattii ibse.

Namoota lubbuun darban dabalataan balaan qaamaa cimaa fi salphaan imaltoota hedduurra dhaqqabuu himee jira.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *