Iraan deeggarsa misaayelaa Chaayinaarraa argachuufi.
OFM:Adoolessa.29/2026.Torbanoota dhufan keessa; Iraan misaa’eloota 400 ta’an Chaayinaarraa argachuuf akka jirtu maddeen dhimma kana keessa beekan Rooyitarsitti himaniiru.
Iraan sirna misaa’eloota dhukaasuuf ishee gargaaru kana Chaayinaarra argachuuf doolaara miiliyoona 60-70 akka baastu maddeen kunneen himaniiru.
Erga US fi Israa’el qindoomuun waraana irratti bananii Iraan yeroo jalqabaaf maallaqa guddaa misaa’eloota fageenna gabaabaa irratti baasuuf jetti.
Misaayeloonni Iraan Chaayinaarraa argachuuf jettu kunneen kan gateettiitti baatamuun harkaan dhukaafaman yoo ta’an maqaa man-portable air defence systems (MANPADS) jedhamuun beekamu.
Misaayeloonni Chaayinaatti hojjetaman QW-12 fi FN-16 jedhaman kanneen Iraan argachuuf jettu keessaayi.
Iraan waliigaltee bittaa meeshaa waraanaa kana kubbaaniyyaa Hong Kong keessatti argamu Zhongqing Baoshang jedhamu waliin mallatteessite.
Akka maddeen Rooyitarsitti himanitti kubbaaniyyaan kun Iraanii fi dhiheessitoota misaayelaa Chaayinaa kan walquunnamsiisuudha.
Maddeen dhimma kanarratti Rooyitarsiif odeeffannoo kennan dhimmichi falmisiisaa waan ta’eef eennummaasaanii himuu hin feene.
Ministeerri dhimma alaa Iraan dhimmicharratti dafee yaada kennuurraa of qusateera.
Ministeerri dhimma alaa Chaayinaa ”gabaasi dhimma kanarratti bahaa jiru kan bu’uura hin qabneedha. Chaayinaan waraanni kun dhaabbachuun nageenni waaraa akka mirkanaa’u itti fufiinsaan ga’eesii ba’ataa jirti” jedhe.
Damee kubbaaniyyaa Zhongqing Baoshang kan ta’e jaarmiyaan Beejiingitti argamu Zhong Qing Bao Shang Group gamasaan gaaffii Rooyitarsi gaafateef deebii hin kennine.
Iraan erga US fi Israa’el misoomaawwan bu’uuraa fi wiirtuuwwan misaayelaa bu’uura humna waraanaa isii ta’an haleeluun barbadeessanii deebistee of ijaaruuf socho’aa jirti.
Waraanni ji’ootaaf ture humna waraanaa Iraan dadhabsiiseera, gama Ameerikaatiinis hanqinni meeshaalee waraanaa muudachuun gabaafameera.
Haata’u malee Pireezidant Doonaald Tiraampii fi aanga’oonni US kaan sababa meeshaan waraanaa jalaa haphateef haleellaa Iraan dhaaban oduu jedhu kuffisaniiru.
Yeroo waraanaatti US fi Israa’el wiirtuuwwan misaayelaa, diroonii fi ittisa humna qilleensaa Iraan irratti xiyyeeffachuun kan haleellan yoo ta’u, Iraan ammoo wiirtuuwwan humna waraanaa US Baha Jiddugaleessaa keessaa qabdu, misaayelaa fi dirooniin haleeluun haaloo ba’aa turte.
US haleellaa torban lamaaf walitti aansuun Iraan irratti raawwataa turte Sambata darbe dhaabuu ibsite. Garuu ergasiis biyyoonni lameen walirratti dhukaasaniiru.
Mariif haala mijeessuuf dhukaasa dhaabuu kan ibse Tiraampi, garuu yoo mariin kan waraana ji’oota shanii kan hin dhaabne ta’e haleellaa itti fufuu akka danda’u akeekkachiiseera.
Iraanis doorsisa US kamuu akka hin sodaannee fi tarkaanfii hundaaf akka deebii ga’aa kennitu dhaadatti.
Misaayeloota MANPADS jedhaman kunneen Chaayinaarraa argannaan dandeettiin misaayeloota fageenna gabaabaa dhukaasuu isii ni gabbata.
Akkasumas adeemsi kun hariiroon Chaayinaa fi Iraan hangam akka cimaa jiru kan agarsiisuudha.
Maddeen Rooyitarsitti akka himanitti misaayeloonni Chaayinaa kunneen jalqaba lixa Chaayinaa bakka Urumqi jedhamurraa gara Paakistaan xiyyaaraan ergamuun, achirraa gara Iraanitti dabarfamu.
Humni waraanaa Paakistaan ammoo ”Paakistaan meeshaa waraanaa qilleensaa Chaayinaa irraa gara Iraan seenu jedhame keessatti maqaansii ka’uun dogongoraa fi oduun kunis soba,” jedheer
