OFM:ODUU HAARAWA:Onkol-10/2025
••••••••••••••••••••••
Maariyaa Korina Machaadoo Venezuweelaa irraa Badhaasa Noobeelii Nagaa Mo’atte!
Badhaasa Nobeelii Nagaa bara 2025 Doonaald Tiraamp ni mo’atan jedhamee osoo eegamuu dubartiin Venezuweelaa Maariyaa Koorina Machaadoo mo’atte.
Maariyaan dimokiraasiin Venezuweelaa keessatti akka dhufu gochuuf tattaaffii guddaa gochuusheef Badhaasa Nobeelii Nagaa bara kanaa akka injifattu murteessuu Koreen Nobeelii beeysise.
Korichi fuula X gubbaatti ibsa baaseen, Maariyaa Koriinaa Machaadooo “uummanni Venezuweelaa mirgi dimokiraasii isaa akka kabajamu tattaaffii guddaa gochuusiif akkasumas cehuumsa bulchiinsa abbaa irree irraa gara dimokiraasitti godhamu keessatti qabsoo hadhaa’aa gootuuf badhaasicha argatte” jedhe.
