Tiraamp marii daldalaa Kanaadaa wajjin qaban hunda adda kutan.
OFM:Onkoloolessa.24/2025-Pireezidaantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp marii daldalaa Kanaadaa wajjin taasifamu mara hatattamaan dhaabuu himan.
Miidiyaa hawaasaa isaani Truth Social jedhamu irratti Kanaadaan beeksisa otoo pireezidantiin Ameerikaa duraanii Ronaald Reegan waa’ee miidhaa taarifaa haasa’an agarsiisu gadhiisan jedhan.
”Sababa amala badaa agarsiisaniif, MARIIN DALDALAA KANAADAA WALIIN TAASIFAMU DHAABBATEERA,” jechuun gaafa Kamisaa barreessan Tiraamp.
Tiraamp meeshaalee Kanaadaa irraa gara US galan irratti taarifa %35 kan kaa’an yoo tahu meeshaalee yeroo pireezidantummaa isaanii duraanii taarifa irraa walaba akka tahan Meeksikoo fi Kanaadaa wajiin waliigalan hin jijjiirree ture.
Tiraamp viidiyoon mootumaa Ontaariyoon deeggarame, adeemsa dhaddachaa taarifni Ameerikaan biyyoota addunyaa baayyee kaa’aa jirtu seera qabeessa tahuu murteessuuf yeroo manni murtii taa’uuf jiutti gadhiifamuun dhiibbaa gochuufi jedhan.
