Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a Riyaal Maadriid fi Juuveentuus jidduutti taasifama.
OFM:Onkoloolessa.22/2025-Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 3ffaan taphni har’a Riyaal Maadriid Juuveentuus keessummeessu ni eegama.
Taphoota marsaa 3ffaa guyyaa 2ffaan har’a galgala sa’aatii 1:45 jalqabee Atileetik Kilab – Karaabaag, Galaataasaaraay – Giliimti waliin taphatu.
Halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee taphni Riyaal Maadriid Juuveentuus keessummeessu ni eegama.
Kilaboonni lamaan taphoota waliin taphatan 21 keessaa Maadriid yeroo 10 yoo injifatu, Juuveentus yeroo 9 injifachuun si’a 2 ammoo qabxii qooddataniiru.
Taphni shaampiyoonaan yeroo 15 Maadriid shaampiyoonaa yeroo 2 Juuveentus waliin taasisu kun xiyyeeffannoo argateera.
Taphoota biroon Atalaantaan – Islaaviyaa Praag, Baayerni Muunik – Biruuj, Cheelsii – Ajax, Firaankifarti – Liiverpuul, Moonaakoo – Tootenhaam, Ispoortiing – Maarsee waliin taphatu.
Taphoota eda taphatamaniin Arsenaal galchii 4 fi 0’n Atileetikoo Maadriid, PSG galchii 7 fi 2’n Baayer Leeverkuusan, Doortumand galchii 4 fi 2’n Kooppan Hangan, PSV galchii 6 fi 2’n Naappoolii, Niwuukaasiil galchii 3 fi 0’n Beenifikaa , Maanchiister Siitiin galchii 2 fi 0’n Viilaariyaal injifachuun kan yaadatamuudha.
