Maanchester Yunaayitid Taphaan milkii dhabus galii rikardii ta’e argate!
OFM:Fulbaana.18/2025-Maanchestar Yunaayitid taphaan mikii erga dhabee bubbuluus bara darbe galii rikardii kilabichaa ta’e paawundii miiliyeena 666.5 galmeesse.
Bara darbe Pirimerliigii Ingiliziin Yunaayitid sadarkaa 15ffaadhaan goolabe. Kuni bara 1973/74 booda seenaa kilabichaa keessatti gahuumsa baay’ee gadaanaadha.
Bara kana garuu dhaabbata Snapdragon waliin waliigaltee ispoonsarshiippii mallatteessuun isaanii, kilabichi galii paawundii miliyeena 333.3 akka argatu taasiseera jechuun BBC,The Guardian, New York Times gabaasaa jiru.
Hanga Caamsaa 30/2025tti galiin tapharraa argatu ammoo galii rikardii waggaatti tapharraa argamu paawundii miliyeena 160.3 ture.
“Bara rakkisaa kana keessatti galii rikardii kilabichaa ta’e argamsiisuun Manchestar Yunaayitid cichoomina jabaarratti akka bu’uureffame kan namatti agarsiisuudha,” jedhe hoji gaggeessaa ol’aanaa kilabichaa kan ta’e Omaar Beraadaa.
Itti dabaluunis, “Bara dorgommii 2025/26 kana keessatti gama hundaan kilabicha fooyyessuuf cimnee hojjataa jirra” jedhe jechuun kan gabaase ‘Sportco.com‘ gabaaseera.
Maanchestar Yunaayitid gahuumsa gadaanaa bara darbe agarsiise fooyyeessuf barana taphattoota ciccimoo keessumaa sarara fuulduraa irratti mallatteessisus jalqabbii Piriimerliigii baranaan milkaa’aa hin jiru.
Tapaha afur taphate keessaa lama: Arsenaalifi Maanchester Siitiidhaan injifatamee jira.